Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Gaambeellaatti Hooggantoonni 14 Hookkara Keessaa Harka Qabu, Jedhamuun Shakkaman To’annaa Jala Oolfaman


FAAYILII - Magaala Gaambeellaa
FAAYILII - Magaala Gaambeellaa

Bulchiinsa mootummaa naannoo Gambeellaa Aanaalee addaa Bejeroo fi Itaang keessatti rakkoo nageenyaa uumamee ture hordofee hooggantoota dhimmicha waliin hidhata qabu jedhamuun shakkaman 14 fi namni dhuunfaan tokko to’anna jala oolfamuu hooggannaan biiroo Koomunikeeshinii naannichaa ibsan.

Hoogganaan biiroo Komunikeeshinii naannoo Gaambeellaa Obbo Ujuluu Giiloo sagalee Ameerikaaf ibsa kennaniin namoonni to’annaa jala oolfaman Godinarraa hanga aanaatti gulantaalee bulchinsaa keessatti angawoota kan turanii fi jeequmsoota uumamanii turan keessaa harka qabaachuutti shakkamanii dhimmi isaaniis seeraan ilaalama jedhaniiru.

Jeequmsa annaa addaa Bejoor keessatti gaafa Bitootessa 26 bara 2016 ka’ee qabeenyaa fi lubbuu namootaa baduuf sababa ta’e keessaa harka qabau jedhamuun namoonni shakkaman hoogantoota Godinaa lamaa fi kan aanaa 5 to’annaa jala yommuu oolfaman , haaluma wal fakkaatuun Aanaa addaa Itaang keessatti namoonni jeequmsa kaasun shakkamanii seeraan barbaadaman akka to’amne danqaa ta’aniiru kan jedhaman hooggantoonni Torba fi namni dhuunfaan tokko to’anna jala oolafamaniiru.

Haala jeequmsa Gaambeellaa kessaa irratti qorannoo taasisuu isaanii sagalee Ameerikaatti kan himan obbo Boggalee Aliigaaz walitti mufannaan kan jiru saboota Anyuwaa fi Nuweerii gidduuttidha jedhanii , jeequmsoonni saboota lamaan gidduutti deddeebi’anii ka’an sababota hawwaas diinagdee haa qabaataniyyuu malee irra guddeessaan garuu aangoo siyaasaa waliin wal qabata jedhan. Tarkaanfiiwwan akkanaas yeroof furmaata haa ta’aniyyuu malee furmaata waaraa hin fidan kan jedhan Obbo Boggaaleen marii siyaasaa fi araari uummataa taasifamuu akka qabu himaniiru jechuun Finfinneerraa GebireMikaa’eel Gebiremedihiinitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG