Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Buufata Humna Galaanaashee Somaaliiland Keessatti Akka Qabaattu Somaaliyaan Hin Eeyyamtu, Jehan Aangawaan Somaaliyaa Tokko


Jimaata darbe kana ministirri haajaa alaa Somaaliyaa Ali Omar akka jedhanitti karoora Itiyoophiyaan buufata waraanaa Somaalii landi hulaa galaanaarratti ijaarrchuuf qabduuf Somaaliyaan hin eeyyamtu jedhanii , garuummoo buufata galaanaa kan daldalaa marii irratti hundaa’uun eeyyamamuufii mallas jedhaniiru.

Biyyi hulaa galaanaa hin qabne Itiyoophiyaan Ji’a Amajjii darbe keessa Somaalii laandirraa lafa qarqara galaanaa Kiloomeetira 20 kireeffachuuf walii galtee wal hubannaa erga mallatteessiteen booda Moqaadishoo waliin waldhabdee dippiloomaasii keessaa galaniiru. Somaaliiland Somaaliyaarraa addaan cituun erga bara 1991 irraa kaastee kan ofiin of bulchitu yommuu ta’u Addunyaarratti garuu biyya beekamtii hin qabnedha. Somaaliyaanis walii galteen wal hubannaa Somaaliilandii fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatta’e kan fudhatama hin qabne jetteetti.

Waldhabdee Somaaliyaa fi Itiyoophiyaa gidduutti mul’ataa jiru salphisuuf jecha Keeniyaan Jibuutii fi IGAD waliin marii’achuun walii galtee hulaa galaanaa biyyoonni naannichaa kanneen hulaa galaanaa hin qabne fayyadamoo taasisurratti yaada dhiyyeessuu ishee ministirri haajaa alaa Keeniyaa Kamisa darbe ifoomsee ture.

Mnistirri haajaa alaa Somaaliyaa Ali Omar Reyootersitti akka himanitti Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan gara maariitti seenuun dura walii galtee wal hubannaan Somaalii landii fi Itiyoophiyaa gidduutti mallatta’ee erga ifatti haqameen booda jedhan.

Itti dabaluunis Somaaliyaan yaadonni mariif dhiyaatan hanga abbaa biyyummaa, walammaa siyaasaa fi tokkummaa biyya keenyaa kan eegu ta’e Somaaliyaan guutuutti marii’achuuf fedhii qabdis jedhaniiru.

Dhimma kanarratti yaada gama Itiyoophiyaan jiruuf dubbii himaan ministira haajaa Alaa biyyattii gaafatamanii deebbii hin kennine.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG