Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deggertoonni Faalsxiin Kutaalee Yunaayitid Isteetis Ijoo Keessatti Hiriira Geggeessan


Israel Palestinians Protests
Israel Palestinians Protests

Deggertoonni Falasxiin Wixata kaleessaa daandii Yunaaytid Isteetis hedduu kan kutaalee Illinoy Kaalifornia fi Niw Yoork, kutaalee Pasifik kaaba gama dhiyaa keessaa, fi riqicha beekamaa kutaa Kaalifoorniyaa jiru irratti namoonni baay’een hiriiruu dhaan imala guyyaa danqanii oolan.

Deggertoonni Faalisxiin waraana Gaazaa mormuu dhaan kutaa Kaalifoorniyaa Saanfiraansiskootti kan argamu riqicha “Golden Gate” jedhamu cufan. Riqicha toora konkolaataan irra deemu ja’a qabuu fi ol fagaatee ijaarame irra hiriirtonni hedduun konkolaataa dhaabatee jirutti cancalaan of hidhanii konkolaataa karaa darbaa dhorkan.

Poolisiin daandii gurguddaa to’atu kan Kaalifoorniyaa akka jedhetti namoonni 20 to’annaa jala oolaniiru. Hiriirri mormii kun daandii konkolaataa gam lamaaniin dhufu yeroo hanga tokkoof yoo danqaniis daandiin martinuu amma banameera.

Oregen keessaa namoonni daandii danqan jedhaman 52, Niw Yoork keessaas hiriirtonni mormii 150, Chikaagoo keessaas kanneen kudhanii ol ta’an to’annaa jala oolu isaanii poolisiin beeksisee jira.

Akka gabaasa associated press-tti deggertoonni Faalisxiinotaa daandiiwwan gurguddoo fi riqichaawwan magaalaalee gurguddoo danqan kun yeroo dhaaf daandii gara buufata xayyaara sadarkaa addunyaa Chikaagoo O’Heer jedhamuu-tti geessu cufanii turan. Imaltoonni hangi tokko konkolaataa ofii keessaa ba’anii gara buufata xayyaaraatti miillaan akka deeman dirqisiise.

Erga Onkoloolessa 7 Hamaas Haleellaa Israa’el irratti raawwatee qabee Chikaagoo keessaatti guyyaa guyyaan hiriirri farra waraanaa geggeessamaa ture.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG