Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gondor Kaabaa Qabsumaa Baqattoota Ertiraa Alem Waac Keessaa Namni Mucaan Isaa Butame Qarshii Kuma 400 Baasee Akka Deebifatu Gaafatame


Gondor Kaabaa Qabsumaa Baqattoota Ertiraa Alem Waac Keessaa Namni Mucaan Isaa Butame Qarshii Kuma 400 Baasee Akka Deebifatu Gaafatame
Gondor Kaabaa Qabsumaa Baqattoota Ertiraa Alem Waac Keessaa Namni Mucaan Isaa Butame Qarshii Kuma 400 Baasee Akka Deebifatu Gaafatame

Bakka Quubsama baqattoonni Ertiraa keessa qubatanii jirani fi godina Gondor Kaabaa aanaa Daabat bakka AlemWaac jedhamuuti argamu keessa nammi jiran tokko mucaan isaanii qaama hin beekameneen jalaa fudhatamee, deebisanii argachuudhaaf Birrii kuma 400 gaafatamuu isaanii Sagalee Amerikaatti himanii jiru. Lammi Ertiraa kan ta’an Obbo Mehaamed Usmaan mucaan isaanii waggaa 12 Amaaan Mehaamed guyyaa 13 dura Bitootessaa 26 bara 2016 yemmuu mana baruumsaa irraa gara manaatti deebi’aa ture namoottan eenyumaan isaanii hin beekamne, konkola’ataa Baajaaj jedhamuun butanii bakka hin beekamne dhoksanii jiru. Maallaqa gaafataman akka harkaa hin qabne kan ibsaan abbaan mucichaa daandii irratti bahanii gargaarsa kadhachaa akka jiran ibsaniiru. Baqattoonni, gochii akkanaa kanaan duraas isaan irratti mullachaa akka jiru kan ibsan yemuu ta’u, bulchaan ganda quubsamnii kun keessatti argamuu obbo Minaalee Gimbneh yemmuu mucichii butamee fudhatame barsiisaan biraas butaamuu isaa VOA ti himaniiru.

Baqattoonii quubsamaa Alemwaac keesaa jiran akka soda nageenyaa qaban ibsuu isaanii kan eere gabaasaan VOA Gebremikaa’el GebreMedihiin dhimmaa barataa butamee fudhatamee kana irratti haanga’aotaa fi qaamolee nageenyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifamee “dhimicha hordofaa jira” jechuu irraa kan hafe baldhinaan odeeffanoo dabalataa kennuu waan hindandeenyeef akka hin milkoofne ibseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG