Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii Gargaarsa Namoomaa Itiyoophiyaatiif Doolaara Miliyoona 600 ol Biyyoota Arjoomtotaa Irraa Argate 


FAAYILII - Gamoo Dhaabbatna Mootummoota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, 2022.
FAAYILII - Gamoo Dhaabbatna Mootummoota Gamtoomanii, Niiw Yoorki, 2022.

Dhaabbanni mootumoota gamtoomanii maallaqa gargaarsa namoomaa Ityoophiyaadhaaf isa barbaachisu harka Sadii keessaa harka lama argachuuu isaa kan beeksisee Qibxata kaleessaa biyyoottan adda addaa sirna gargaarsa gumaachuu magaala Jenevaa keessatti erga raawwatanii booda.

Buusii maallaqa gargaarsaa kana kan qindeesse dhaabata mootumootaa gamtoomaani yemmuu ta’u, mootummaan Ityoophiyaa fi mootummaa Yunaayitid Kiingdams akka qindeesuu irratti hirmaatan ibsameera.

Gargaarsii argame kun sababa walittibu’insaa, hongeetiif lolaa bishaniitiin kan ka’e namoottan gargaarsa lubbuu baraaruu atattamaan barbaadan miiliyoonii 15.5,akkasumas kanneen gargaarsi nyaataa isaan barbaachisu namoottan miillyoonii 10.4 fi kan oolu akka ta’e ibsameera.

Rakkinaa umamaa fi nam-tolchee yeroo amma Ityoophiyaa keessa jiru furuudhaaf Yunaayitid isteets gama isheetiin doolaara miiliyoonii 100 fi miiliyoonii 54 dabalataan arjoomuu ishee ministeerri dhimmaa alaa Yunaayitd Isteets Qibxata kaleessaa beeksisee jira.

Dhaabataa mootumoota gamtoomaniitti jaarmiyaan qindeessa gargaarsaa OCHAN akka gabaasetti, lammiileen Ityoophiyaa miiliyoonii 21 ta’an bara kan gargaarsii namoomaa isaan barbaachisa.

OCHAN akka dabalee ibsetti biyyoottan 21 rakkina gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessa jiruuf kan oolu, waliigalatti doolaara miiliyoonii 600 fi miiliyoonii 28. 9 arjoomanii jiru.

Walgahii Qibxata kaleessaa waajiraa dhaabbata mootumoota gamtoomanii Awurooppaatti argamuu Jeneevaa keessatti qophaa’e kana kanneen qindeessan keessa tokko kan taatte Biriiteen mataa isheetti doolaara miiliyoonii 100 fi miliyoonii 25 kan guumaachite yemmuu ta’u, biyoottan gamtaa Awuroopaa doolaara miiliyoonii 100 fi miiliyoonii 39 arjoomuum isaanii beekameeraa. Gargaarsa argamee keessaa caalaa kan gumaachitee Yunaayitid Isteets akka taates beekameera.

Rakkinaa namoomaa Ityoophiyaa keessa jiru furuudhaaf maalaqinni doolaara biiliyoonii tokko akka isa barbaachisu dhaabbanni mootumoota gamtoomanii beeksisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG