Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Naanoo Amhaaraa Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay Weerara Raaw'ate, Jechuun Ibsa Baase 


map of Amhara and Tigray regions in Ethiopia.
map of Amhara and Tigray regions in Ethiopia.

ABUT yeroo afuraffaadhaaf weeraa ifa ta’ee naanoonno Amaaraa irratti raawachuu isaa kan hime ibsii mootummaa naannoo Amaaraa, weerarichii waligaltee nageenyaa Piritooriyaa keessatti taasifame guutummaatti kan diigu akka ta’e eere jira.

Itti dabaluudhaanis ABUT bakkaawwan umnaan qabatee atattamaan gadi lakkisee bahuu baannaan biyyii akka hin diigamneef jechaa akka tarkaanfii fudhatus kan ibsee mootummaan naannoo Amaaraa ijaarasaa siyaasaa fi nageenyaa sadarkaa adda adda irra jiranuuf, jiraattotaa naannoo Amaaratii fi mootummaa feederaalaatiif waamichaa taasisee jira.

Haaluma walqabatee Paartiin mormitootaa naannoo Amaaraa keessa ABN jedhamee beekamuu weerara Raawwatameera jedhame kana mormee weerarichii naannoo Raayyaa qofatti waan dhaabachuu hin dandeenyyef mootummaan feederaalaa akka tarkaanifii fudhatiu gaafatee jira.

Dhimmaa kana irratti Yaada ABUT argachuudhaaf Yaaliin gabaastonni Sagalee Amerikaa taasisan akka milkaa’uu hin dandeenye beekameera.

Bulchaa itti aanaan mootummaa yeroo kan naannoo Tigraay Jeeneraal Taaddesee Werede, walitti bu’insii kutaa Raayaa keessatti raawwatamee milishootaa naannoo Tigraay irraa buqa’anii fi hidhatootaa naanoo Amaraa kutaa Raayyaa Allamaaxati argaman giduutti akka ta’e ibsaniiru.

Waltibu’iinsaa kutaa Raayya Allmaaxaati taasifame kanaan kan ka’e jiraattonni naannoo magaala Allaamaaxaa fi magaala Korem irraa buqa’anii magaala Qobboo keessa qubatan lakkoofsii isaanii dabalaa deemuu isaa kan ibsee gabaasinii Masifin Arragee magaalii Allamaaxaa fi naannoon isaa yeroo ammaa too’annaa Raayya Ittisaa biyyaa jala jiraachuu isaa kantiibaan magaala Allamaaxaa obbo Hayiluu Abarraa himuu isaanii beeksiseera.

Naannoo Amaaraa, Magaalaa Jaawwii Keessatti Lola Humnoota Mootummaa fi Hidhattoota Faannoo Gidduutti Geggeessameen Namoonni Shan Du’uu Hin Oolle, Jedhame

Godina bulchiisa hawaasa Awwii aanaa Jaawwii keessatti Wixata darbe hidhattoota Mootummaa fi Faannoo gidduutti walittibu’iinsa uumameen namoonni shan du’uu akka hin oolle jiraattonni ibsaniiru.

Maqaan isaanii akka hin tuqamne kan gaafatan jiraattonni magaalaa Jaawwii Kibxata kaleessaa meeshaa guddaan mana jireenyaa rukute namoota nagaa du’aa fi miidhaaf saaxiluu dubbatu.

Har’as magaalattii keessatti sababaa dhukaasi dhaga’amaa jiru irraan kan ka’e manaa ba’uu akka hin dandeenye ibsanii, Wixataa qabee sochiin martinuu dhaabatee akka jiru tuqanii jiran. Walitti bu’iinsa Jaawwii keessatti mudate ilaalchisee gama mootummaatii ibsi kenname hin jiru. VOAn angawoota naannoo fi Hospitaala biraa odeeffannaa dabalataa argachuuf yaaliin taa’e hin milkoofne.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG