Xurree ittiin seenan

Breaking News

Godaantonni Sanyii Gurraachaa Niwu Yoork Keessa Qubatanii Jiran Loogii Sanyii fi Amantii Irratti Hundaa'e Balaaleffachuun Hiriira Bahan 


Godaantonni Sanyii Gurraachaa Niwu Yoork Keessa Qubatanii Jiran Loogii Sanyii fi Amantii Irratti Hundaa'e Balaaleffachuun Hiriira Bahan 
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:10 0:00

Godaantonii Afrikaa irraa dhufanii Yunaayitid isteets keessaatti koola galtummaa gaafachaa jiran 1500 ta’an caalaan isaanii biyyaa Giinii irraa kan godaananiifi kan galmaa bulchiinsaa magaala Niyoork fuuleetti hiriiran, wuxinee seeraa bulchiinsii magaalichaa dhimma godaantotaa irratti basuudhaaf qopheese irratti maryachuudhaaf yemmuu walgahin taasifamaa jirutti akka ta’ee beekameera.

Akka wixineen seeraa bulchiinsa magaala Niwu Yoork jedhutti bulchiinsii magaalichaa guyyaa 30 boodaa godaantotaa beekaa ta’an ykn ijoollota hintaane bakka qubatanii jiranuu kaasuudhaaf akka danda’u kan taasisu yemmuu ta’u ijoolleewwan umuriin isaanii waggaa 23 gadii immoo guyyaa 60 keessatti akka bakka qubatan gadi lakiisanii deeman kan dirqisiisuudha.

Seerrii kun godaantotaa gurraachaa ta’an akka midhuu miseensonii koree bulchiinsaa magaalichaa tokko tokkos ibsuun isaanii gabaasameera.

Ji’a Fulbaanaa darbe keesaa Prezidaant Joo Baayiden godaantotaa biyyaa Veenzuwwelaa irraa dhufaan amma eeyyaama seeraan jireenyaa argatanutti akka eegumsii taasifamuuf ajaja dabarsanii jiru.

Ji’a Mudee keessa immoo biyyaa Hayitii keessatti hokkora hamaateen walqabatee godaantota biyyatiif eegumissi taasifamaa ture akka itti fufu seeraan murtaa’ee jira.

Godaantota biiyoottan Afrikaa biroo, kan akka Sudaanii fi Ityoophiyaatiifs yeroon ittu dhiibaan seeraa irratti hin raawwatin turaan akka dheeratu taasifameera.

Godaantonii biyyaa Giinii, Seenegaalii fi Mooritaaniyaa irraa dhufan garuu mirgii akkanaa akka hin kennamneef beekamee jira.

Kantiibaan magaala Niwu yoork Eriik Addaams yemmuu oduu gabaastotatti dubbatan, “ yoo magaalota biroo fudhatan nammii buufata xiyyaaraa keessa ciisuu hin jiru, nammii buufata poolisii jala rafu hin jiru,namoonii hoospitaalaa keesaa lafa irraa ciisan hin jiran. Ijoolleewanii fi maatiiwwan yemmuu daandii irraa ciisan hin argaitanu “ jechuun isaanii gabaasameera.

Godaantonni kun ergaa magaala Niwu yoork keessaa kaafamanii boodaa too’annoo jala ollfamuudhaa alatti eessatti geesuuf akka karoorfame wantii ibsamee hin jiru.

Forum

XS
SM
MD
LG