Xurree ittiin seenan

Breaking News

Qorichi Shirooppii Ijoollee “Beniylin Pediyaatrik” Jedhamu Summaa’uun Ibsame


Qorichi Shirooppii Ijoollee “Beniylin Pediyaatrik” Jedhamu Summaa’uun Ibsame
please wait

No media source currently available

0:00 0:01:13 0:00

Biyyoonni akka Taanzaaniyaa, Eswaati nii, Ruwaandaa, Afiriikaa Kibbaa fi Zimbaabuwwee oomisha dhaabbata qoricha Joonsan fi oomishaalee dhaabbata Joonsan ofirraa qabanitti yaaddoo qabaachuu isaanii waamicha dhiyyeessaniiru.

Boorndiin Faarmaasii fi Summii Keeniyaa qoricha bifa shirooppiindhukkuba utaalloo daa’immanii fooyyeessuuf kennamu kan maqaa Beniiyiliin Piidiyaatirik’n beekamu kanarraa yaaddoo qabaachuu ibseen booda manneen rabsa fi gurguttaa keessaa akka sassabamu taasiseera. Kanas kan taasise erga Naayijeeriyaan dawwaa kanarraa yaaddoo qabaachuun gabaarraa akka sassabaamu taasifteen booda.

Itti aanaan Boordii Faarmaasii fi Summii Keeniyaa Antanii Torootich Ibsa oduu gabaastootaaf kennaniin kan gita isaanii Naayijeeriyaa waliin kan wal simu dawwaan Shirooppii baattoowwan ykn qaruuraa 11, 184 sassabamee akka agarsisuutti summaa’uu isaanii mirkaneeffanneerra jedhan. Akka Ibsa Antaniittis dawwaan kun waan summaa’aa Deyaatiliin Gilaaykoon sadarkaa olaanaan of keessaa qabaachuu mirkaneeffanneerra jedhan. Meeshaalee ykn qaruuraa Shirooppicha baatan 44,000 irratti qorannaa taasisuu kan himan Antaniin isa bara kana oomishaman qofaa osoo hin taane kan marsaa sadii gara duubaatti deebinees qorannaa taasisaa jirras jedhaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG