Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miseensonni Maatii Hoogganoota Faannoo Finfinnee Keessatti Ajjeefamanii Hidhaman, Jedhu Maatiin


FAAYILII - Magala Finfinnee
FAAYILII - Magala Finfinnee

Jimaata dabree Finfinnee keessatti kan ajjeefaman mootummaan Fiinxaaleeyyii jechuun kan waamee hogganoota Faannoo miseensoota maatii isaanii lama hidamuun ibsamee jira. Daawwiit Mangistuu fi Daawwit Makonneen kan jedhaman miseensoonni maatii Erga qabamanii torban guutuu isaa fi mana hidhaa Maakalaawwii jedhamu keessatti hidhamanii jiru jechuun madden maatii sagalee maatii Amerikaaf ibsanii jiru.

Samabata dabree namoota lamaan keessaa manni isa tokkoo sakata’amuu fi waan tokko iyyu akka hin argamne kan ibsanii namoonni kun sochii siyaasaa waliin hidhata hin qaban jedhan. Sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamnee kan gaafatan maatiin namoota ajjeefamanii, reeffa namoota du’anii gaafachuuf gara komishiinii buufata polisii Finfinnee kan deemana miseensoonni maatii lamaan kum qabamanii hidhamuu ibsan.

Harmeewwan namoota ajjeefamaniis haga ammaatti reeffa fudhachuu akka hin dandeenye namnonni sagalee Amerikaaf ibsanii jiran. Kana ilaalchisee polisii Finfinnee fi kan Feedeeraalaa biraa yaadaa argachuuf irra deddeebiin yaaliin ta’e hin milkoofne.

Komishiniin polisii Finfinnee tti itti gaafatamaan haariiroo uummataa kan ta’an Itti aanaa komaandaraa Maarqoos Taaddasaa guyyaa miseensoonni hoggana Faannoo ajjeefaman guyyaa jedhame san sagalee Amerikaa wajjiin gaaffii fi deebii gaggeessaniin, polisiin haawaas biraa odeeffannoo argateen,namoota kana irratti hordooffiin gaggeffama akka turee ibsa. Tonnaa jala olchuuf deemsa tureen walitti dhukaasii akka ture kanaanis nama sivilii tokko dabalatee namnii 3 ajjeefamuu ibsuun isaanii ni yaadatama

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG