Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaan Balaa Heelikooptaraatiin Hoogganaa Raayyaa Waraana Biyyattii Dhabuu Ishee Beeksiiste


Abootiin amantaa reeffa namoota balaa helikooptara waraanaa hogganaa waraanaa Keeniyaa Jeneraal Firaansis Ogollaa galaafate Naayiroobii keessatti lubbuun isaanii darbeef sirna gaggeessan
Abootiin amantaa reeffa namoota balaa helikooptara waraanaa hogganaa waraanaa Keeniyaa Jeneraal Firaansis Ogollaa galaafate Naayiroobii keessatti lubbuun isaanii darbeef sirna gaggeessan

Hogganaan waraanaa Keeniyaa Jeneraal Firaansis Ogollaa namoota sagal balaa Helikooptaraa Kamisa kaleessaa mudateen du’an keessaa tokko ta’uu Pirezidaantii Wiliyaam Ruutoon himaniiru. Ruutoon ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin waan uumamee kana “yeroo gaddisiisaa” dha jedhan.

''Biyyi haadha keenya taatee kun, jeneraalota ishee goota ta'an keessaa tokko dhabdeetti,'' kan jedhan Ruutoon dutii Jeneraal Ogollaa anaaf kasaaraa dhukkubbii guddaa qabuu dha” jedhan. Hogganaan raayyaa ittisaa Keeniyaa Jeneraal Firaansis Ogollaa loltoota 11 biroo waliin helikooptara sana keessa turan. Helikooptarri kun lafa gadhiisee erga balali’ee yeroo muraasa booda suluula biyyattii dhiyaa keessatti kufee abiddaan akka gubate miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan. Namoonni lama balaa kana irraa lubbuun kan hafan yoo ta'u hospitaala ciisanii jiru.

Ogollaan bara 1984 Raayyaa Ittisa Biyyaa Keeniyaa kan seenan yoo ta’u, humna qilleensaa Ameerikaa waliin balaliisaa xiyyaara waraanaa ta’uun leenji’anii sana booda, humna qilleensaa Keeniyaatti barsiisaa balalii ta’uun leenjisaa akka turan seenaan isaanii kan galmee ministeera ittisaa keessaa qaban ni mul’isa. Prezidaant Ruutoon bara darbe Ogollaa waraana akka hooggananiif muudan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG