Xurree ittiin seenan

Breaking News

Embaasileen Gurmuu Biyyoota “G7” Jedhamanii Walittibu’iinsii Itiyoophiyaa Kaabaa Keessatti Hammaataa Jiru Nu Yaaddeesse Jedhu


FAAYILII - Imbaasii Yunaaytid Isteets magaala Finfinneetti argamu, Itoophiyaa.
FAAYILII - Imbaasii Yunaaytid Isteets magaala Finfinneetti argamu, Itoophiyaa.

Itiyoophiyaa keessa kan jiranii fi teessoon isaanii Finfinnee keessa kan ta’an Embaasiwwaan biyyoota miseensa garee G-7 ta’an, walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa Kaabaa keessatti irra deebi’uun hammaata jiru kan isaan yaaddeesse ta’u ibsanii jiru.

Embaasiwwan kun sambata dabree kana ibsa waliin baasaniin, rakkoo siyaasaa fi nageenyaa wal xaxaa ta’e, furuudhaan nagaan waaraa argamsisuuf marii qaamooleen dhimmi kun isaan ilaallatu mara hirmaachiise gaggeessuu qabu jedhan. Ibsa kanas kan baasan Embaasiwwan biyyoota Kaanaadaa, Jarmanii, Faransaayii, xaaliyaanii, Jaapaan Yunaaytid Kingdam fi Yunaaytid Isteetis turan.

Gama kaaniin jaarmayaan gargaarsa namoomaa kan Tokkummaa Mootummootaa (UNCHA)n sambataa dabree gabaasa torbanii baaseen naannoo Raayaa Alaamaaxaatti walitti bu’iinsa irra deebi’uun hammaateen namoonni kum 29 Walloo Kaabaa fi Goodiina hawaasa waag Himraa irraa buqqa’uu ibsee jira. Kanneen manaa fi qe’e ofii irraa buqqa’an kun, haanqiina dhiyeessii nayaataa fi bishanii yaaddeessaa ta’e akka qaban kan ibsee gabaasnii kun, michoota isaa deggersa dhaqqabsisuuf carraaqan waliin hojjataa akka jiru ibsee jira.

Buqqaatonni sagalee Amerikaaf yaada isaanii kenna, haqiina nyaataa fi dahannaa yaaddeessaa ta’e keessa akka jiran ibsanii,buqa’iinsa irra deddeebi’ee uumamuu kanaaf sababaa kan ta’e , gaaffii eenyummaa fi ofiin of- bulchuu dhiyaatee ilaalchisee mootummaan hatattamaan deebii akka kennuuf gaafataniiru jechuun Masfiin Arraagee gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG