Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Gidduu Waa’ee Liqaarratti Amallee Adda Addummaan Akka Jiru Aangawaan Dhaabbatichaa Dubbatan


FAAYILII - Pirezdaantiin Baankii Addunyaa Ajayi Baangaa oggaa ministira maallaqaa Itoophiyaa, Ahimed Shidee wajjin Idustriyaal Paarkii Boolee Lamii daawwatan
FAAYILII - Pirezdaantiin Baankii Addunyaa Ajayi Baangaa oggaa ministira maallaqaa Itoophiyaa, Ahimed Shidee wajjin Idustriyaal Paarkii Boolee Lamii daawwatan

Walii galtee Liqii fi haaromsaa ta’u qabu irratti jaarmayaa Maallaqaa addunyaa (IMF) fi Itiyoophiyaa gidduutti ammallee ''garaagarummaan'' jiraatus mariin itti fufee jira jechuun qondaalli olaanaa dhhaabbatichaa Jimaata darbe ibsanii jiru.

Itiyoophiyaan deeggarsa IMF mirkaneessuuf qarshii ishee kan gabaa seeraan alaa irratti sharafamaa jiru fi isa seera qabeessaan sharafamuu harka 50n caaluu sana sirreessuun barbaachisuu mala. Haal dureen Kun sababaa ta’un isaa kan hin mirkaneeffamne ta’uus, garuu yeroo baay’ee jijjiirama sharafa alaa, gabaaf murtaa’e ni fayyada.

Biyyi Afrikaa Bahaa baay’ina ummataa qabdu kun, duraanuu qaala’iinsa jireenyaa olaanaa fi hanqina maallaqa alaa yeroo dheeraa waliin kan rakkachaa jirtu yoo ta’u, baatii Muddee keessa mootummoota Afrikaa waggoota hamma kanaa keessatti liqaa ishee hin kaffalle sadaffaa taateetti.

Itiyoophiyaatti hogganaan Ergama IMF Alvaaroo Piris Chavarri Walgahii Birraa darbee IMF fi Baankii Addunyaa Waashingitanitti gaggeeffamee irratti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, ''mariin itti fufee jira. "Hanga ammaattis garaagarummaatu jira jedhan"

''Of eeggannoodhaan abdii qaba,'' jechuun ala, garaagarummaa ammallee furmaata hin arganne jedhan bal'inaan ibsu didan. "Mariin gaggeeffamu yeroo fudhachu qabu fudhata."jedhan.

Itoophiyaan bara 2020 irraa eegalee maallaqa IMF tokkollee kan hin arganne yoo ta’u, qophiin liqii maallaqaa kana waliin qabdu inni dhumaa bara 2021 karaa irraa maqeera.Mootummaan federaalaa fi abbaan taayitaa naannoo finciltuu tokko dhuma bara 2022tti waliigaltee mallatteessanii waraana sivilii waggaa lamaaf ture xumuruuf.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG