Xurree ittiin seenan

Breaking News

Niijer Keessatti Namoonni Dhibbootaan Lakkaawaman Hiriira Bahuudhaan Loltonni Ameerikaa Akka Achii Ba’an Gaafatan  


Mormii Nijeer keessatti geggeeffame, Angaadez, Nijeer, Ebla 21, 2024
Mormii Nijeer keessatti geggeeffame, Angaadez, Nijeer, Ebla 21, 2024

Namoonni dhibbootaan lakkaa’aman Dilbata kaleessaa magaalaa Niijer gama kaabaa-Agadez keessa hiriira bahuun loltoonni Ameerikaa buufata waraanaa achi jiru irraa akka bahan gaafatan. Kunis erga maddeen Niamey fi Washington gidduutti bahuu jalqabuuf erga dubbatanii waliigaltee irra ga’amee guyyaa tokko booda.

Bara darbe hanga loltoonni Amerikaa 1,000 ol ta’an Niijer keessa kan turan yoo ta’u, waramaadhee lama keessaa bahuun socho’aa turan.Kunis buufata humna qilleensaa diroonii 201 jedhamuun beekamu kan naannoo Agadez kan Nijeer waaltaa keessatti baasii doolaara miiliyoona 100 ol baasisee dabalatee. Bara 2018 irraa eegalee buufanni kun hidhattoota garee Islaamummaa fi Jama’at Nusrat al-Islam wal Muslimeen, kan al-Qaayidaa waliin hidhata qabu, naannoo Sahel keessa jiraniitti xiyyeeffachuuf itti fayyadamaa tureera.

Bara darbe waraanni Niijar fonqolcha mootummaatiin aangoo kan qabate yoo ta’u, hanga sanatti Niijar michuu nageenyaa Ameerikaa fi Faransaay ijoo turte. Garuu aangawoonni haaraan mootummaa ollaa Maalii fi Burkinaa Faasoo keessatti argaman waliin ta’uun waliigaltee waraanaa michoota biyyoota dhihaa yeroo tokko turan kan akka Waashingitan fi Paaris waliin qaban xumuruun, garee siyaasaa fi dinagdee naannoo ECOWAS gadhiisuun Raashiyaa waliin hariiroo cimaa uumuun.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG