Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetiin Itiyoophiyaa Fageenya Meetira 3000 Dorgomuun Beekamtu Waggoota Shaniif Dorgommii Atileetiksiirraa Dhorkamte


FAAYILII - Zarfee Wandimaageenyi dorgommii meetirii 3,000 isteeplcheesii irratti yeroo hiraattu, Qaataar, Fulbaana 27, 2019.
FAAYILII - Zarfee Wandimaageenyi dorgommii meetirii 3,000 isteeplcheesii irratti yeroo hiraattu, Qaataar, Fulbaana 27, 2019.

Atileetiin Itiyoophiyaa fageenya Meetira 3000’n dorgomuun beekamtu Zarfee Wandimaageeny qorannoo taasifameen dhiiga ishee keessatti qabiyyeen qorichoota dhorkan lamaa waan argameef waggoota Shaniif dorgommii Atileetiksiirraa dhorkamteetti.

Atileet Zarfee Wandimaageeny seera qoricha dhorkamanii cabsuu ishee erga samudaa isheen kenniterratti mallattoon Testostiroonii fi waan biraa EPO jedhamu kan dhiigni Atileetootaa Oksijinii dabalataa akka deddeebisu gargaaruu danda’u erga argamee fi isheenis erga fudhachuu amanuu ishee hordofee Wiixata har’aa Kutaan qulqullina Atileetiksii murtoo kan dabarse. Qorichoonni dhorkaman kunneenis qaama ishee keessatti kan argaman sagantaa Hangariitti qophee’eerratti hirmaachuuf yommuu garasitti imaltee jirtuttidhas jedhameera.

Atileet Zarfee Wandimaageeny Olompikii Tookiyoo bara 2021 irratti sadarkaa Saddettaffaa , akkasumasa dorgommii Shaampiyoona Addunyaa bara 2023 Budaapestitti taasifameen sadarkaa 4ffaa ba’uun kan xumurteettudha

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG