Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lola Magaalaa Alamaxaa fi Aanaalee Raayaa Alamata, Zaataa Fi Oflaa Keessatti Mudateen Namoonni Kuma 50 Ol Tahan Buqqa’uu OCHA’n Gabaase


Alamata
Alamata

Ebla 13 irraa eegalee walitti bu’iinsa hidhannoo Magaalaa Alamaxaa, fi aanaalee Raayaa Alamata, Zaataa fi Oflaa keessatti mudateen manaa fi qe’e irraa buqqa’anii kuma 50 ol ta’uu dhaabnii gargaarasa namoomaa kan Tokkummaaa Mootummootaa (OCHA)n ibsee jira.

OCHAAn, Gabaasa haalaa jiru ilaalchisee kaleessa qondaaltota aanaa wabeeffachuu baaseen haalli gargaarsa namoomaa hamaa ta’uu ibsuun dubartoonnii fi daa’imman kumaatamaan lakkaa’aman lubbuun jiraachuuf deeggarsa gargaarsa namoomaa bal’aa akka barbaadan ibseera. Kama biraatiin dubbi himaan Komishinii Bulchiinsa Sodaa Balaa Federaalaa Attaalala Aboohaay lakkoofsi UNOCHAn baase garmalee ol’kaafamaa fi dhugaa kan hin taane ta’uu sagalee Amerikaatti himaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsa Sodaa Balaa fi Wabii Nyaataa godiina Wolloo Kaabaa Alamuu Yimar garuu lakkoofsi kun kan gabaasa kana keessatti ibsame caaluu kan himan yoo ta’u, buqqaatonni irra caalaan isaanii kaleessa irraa eegalee gara qe’etti deebi’uu eegalaniiru jedhan. Akka OCHAn jedhutti michoonni gargaarsa namoomaa sababa rakkoo nageenyaa Ebla 18 gabaafameef jecha haala buqqaatota Saqoxaa fi naannoo ishee keessatti gabaafaman ilaalanii madaaluu hin dandeenye.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG