Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Burkiina Faasoo Tamsaasa VOA fi BBC Yeroo Murtaa’eef Ugguruu isaa Beeksise


Mootummaan Burkiinaa faasoo tarkaanfii kana kan fudhatee miidhaa waranni biyyatti siviilota irratti raawwatu ilaalchisee dhaabbanni mirga namoomaa Human Rights Watch/ HRW jedhamuu gabaasaa baase tamsaasuu isaaniitiin akka ta’e beekameera.

Haluuma kanaan walqabatee manni maree olaanaan dhimmaa quunamitii mootummaa Burkiinaa faasoo Kamisa kaleessa ibsa baaseen dhaabbileen oduu lammaan torban lamaaf akka biyyatti keessatti hin tamsaane uguramuu isaanii beeksisee jira.

Tamsaa Sagalee Amerikaaf BBC akkasumas, kan HRW karaa marsartitiin Burkiinaa faasoo keessatti argachuun akka hin danda’amnee taasifamuun isaas ibsameera.

Mootummaan loltootaa Burkiinaa faasoo bulchaa jiru kanaan duras dhaabbilee midiyaa biyyaa Faransaay, LCI , France 24 dhaabataa Radiyoo adduunyaa Faransaay, gazeexaa Faransaay “Le Moodee” jedhamuuf barruu “Je’un Afrikuwee” jedhaman irra ugura kaa’ee jira.

VOAn Burkiinaa faasoo ilaalchisee gabaasaa dhiheesee irratti akka gaabbii hin qabne fi gabaasaa madaalawaa fi haqa qabeessa ta’ee dhiheesuu akka itti fufu daarekteera yeroo VOA kan ta’a Joon Liipmana kan ibsan yemuu ta’u, waa’ee tarkaanfii uguraa kana irratti haanga’ootaa mootummaa biyyatti irraa ibsa dabalataa argachuudhaaf yaaliin taasise akka deebii hin arganee ibsse jira.

Biyyii Burkiinafaasoo biyyoottan lixa Afrikaa kutaa Saahil keessa jiran Maalii fi Niijer waliin ta’udhaan gareewwan Jahaadistootaa wajjin lola keesa kan jiran yemuu ta’uu, mootummaan yeroo amma Burkiinaa faasoo keessatti aangoo qabatee jiru baraa 2022 keesaa fonqolcha aangoo raawwachuun isaa ni beekama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG