Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetiin Dorgommiilee Maaraatooniirratti Injifachuun Beekamu Xannaa Nagarii Du’aan Boqote


Atileetiin dorgomii Maaratoonitti fiigudhaan beekamuu Atlieet Xannaa Nagarii Adduunyaa kana irraa du’aan boqote.
Atileetiin dorgomii Maaratoonitti fiigudhaan beekamuu Atlieet Xannaa Nagarii Adduunyaa kana irraa du’aan boqote.

Atileetiin Ityoophiyaa dorgomii Maaratoonitti biyya bakka bu’ee fiigdhaan beekamuu Atlieet Xannaa Nagarii Adduunyaa kana irraa du’aan boqotee sirni awwaalcha isaa guyyaa har’aa Caamsaa 6 bara 2024 magaala Finifinee Bataskaanaa Sahaalite Mihireettiti raawatamee jira.

Atileetti Xannaa Nagarii bara 1991 fiigichaa guutummaa Afrikaa irratti bara 1992 biyyaa Jaappaan Maratoonii Fukookaa irratti, bara 1994 ammo biyyaa Xaaliyaanii maratoonii Veenis irratti hirmaatee kan moo’at yoo tahu dorgommii Olompiikii Barseloonaa fi dorgomiiwwan adda addaa irratti Itiyoophiyaa bakka buudhaan hirmaatee Meedaliyaa Warqee 8 dabalatee meedaliyaawwan 20 atileetii argate dha.

Naannoo Oromiyaa Godina wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanatti bara 1962 ALI kan dhalatee fi umurii isaa waggaa 54ttti kan du’aan boqotee Atileet Xannaa nagarii, abbaa ijoolee dhiiraa 3 fi durba tokkoo akka ta’e gabaafamee jira. Hordoftoota keenyaa seenaa Atileeta sagantaa keenyaa boorii irratti baldhinaan qabannee dhihaanna.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG