Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hidhattoonni ABUT Waraansa Sudaan Keessaatti Hirmaatan, Ka Jedhame Bulchiinsi Naannoo Tigiraay Balaaleffate


FAAYILII - Namoota waraana dheeffudhan Kaartumii bahan, Waxabajjii 19, 2023.
FAAYILII - Namoota waraana dheeffudhan Kaartumii bahan, Waxabajjii 19, 2023.

Hidhatoonni ABUT walwaraansa Sudaan keessa seeneera jedhamuu isaa bulchiinsii yeroo kan naanno Tigraay balaalefate jira.

Gareewwan walwaraasa Sudaan keessatti hirmaachaa jiran keessaa tokko kan ta’ee gareen Jeeneraal Mohaamad Hamdaan Dagaaloon dursamuuf Waraana Dafee qaqqabaa jedhamee beekamuu Sambata dheengaddaa barreefama fuula midiyaa hawaasaa X irratti baaseen loltoonni ABUT ykn TPLF garee waraana Sudaan isaa Jeeneraal Abdul Fattaah Alburaaniidhaan hogganamuu cina dhaabatee lolaa jira jechuudhaan himatee ture.

Himannaa kana hordofuudhaan, ibsa kan keenee bulchiisini yeroo mootummaa naannoo Tigraay, himaniichii bu’uraa qabeessa akka hin taane eeree, haala cimaa ta’eens akka yaadaa garee dafee qaqqaabaa Sudaan mormu beeksisee jira.

Himannaan gareen dafee qaqqabaa ABUT irratti dhiheesse kun lola taasisaa jiruuf gargaarsaa biyya alaa argachuudhaaf kan yaadameedha jedhee, walwaraansaa lubbuu namoottan Kumaan lakkaawamanuu galafachaa jiru kana keessatti ABUT hirmaateera jechuun himanaa yaada dhugaa hin taane irratti hundaa’e akka ta’e beeksiseera.

ABUT paartii siyaasaa malee umna hidhatee akka hin qabne kan ibsee bulchiinsii yeroo naanoo Tigraay, gareewwan Sudaan keessatti wal waraanaa jiran lamman ibsaa walti bui’isicha caalaatti hammeesu baasuu dhiisanii waldhabdee isaanii akka mariidhaan hikuudhaaf hojjatan waamicha dhiheesuun isaa beekameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG