Xurree ittiin seenan

Breaking News

Chaad Keessatti Filannoon Prezidaantummaa Wal-Muddinsaan Geggeessame Xumuramee Sagaleen Lakkaa'amaa Jira 


Filannoo Chaadiif kaadhimamtoota dhihaatan, Chaad, Caamsa 6, 2024.
Filannoo Chaadiif kaadhimamtoota dhihaatan, Chaad, Caamsa 6, 2024.

Biyya giddu gala Afrikaatti argamtu Chaad keessatti filannoo taasifamaa jiruun walqabatee umnoottan nageenyaa magaala gudditti biyyaatti keessatti boba’un isaani gabaasamee jira. Akka maddi oduu Rooyiters gabaasetti biyyi kutaa saahil keessatti argamtu Chaad ergaa fonqolchi aangoo adda addaa keessatti raawwatamaa turee booda, filannoo prezidaantumaa isa jalqabaa yemmuu taasisaa jirtutti, sababba muddama nageenyaatif jecha umnoottan nageenyaa hidhatan hedduun magaala gudicha biyyaatti Njaamiinaa fi magaalota biroo keessatti bobba’anii jiru.

Naannoowwan magaala Njaamiinaa baakkaawan degertoonni mormitootaa itti baayyatan keesaa umnoottan waraanaa fi umnoottan nageenyaa biroo, konkola’ataa meeshaa waraanaa gurguddaan itti fe’ame 30 ta’anu wajjin akka mulachaa turan kan ibsee madii oduu Rooyiters, magaala biyyaatti isaa lammafaa kibbaa Njaamiinaati argamu Mo’unduu keessatti hidhatonni eenyumaan isaanii hin beekamne bakka sagaleen itti kennamuti dhukaasaa bananii nammi tokko ajjeefamuun isaa gabaaseera. Lammiileen biyya Chaad keessaa dhibeentaa 7 kan ta’an tiksitoonii Dilbaataa ganaama kaasee sagalee kennuu akka jalaqaban ibsamus hamqinaa dhiheesii ykn Loojestikaatiin kan ka’e ammaa wixata kaleesaa galgalatti sagalee kennuu akka hin dandeenyaa maddii oduu Rooyoters beeksiseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG