Xurree ittiin seenan

Breaking News

Xayyaarri Itiyoophiyaa Kaleessa Haawaasaarraa Ka’uun Gara Finfinneetti Balali’aa Ture Keessatti Aarri Ka’ee Imaltoota Ukkaamsuun Himame  


FAAYILII - Xayyaara Itoophiya balaliirra jiru, Finfinnee, Bitootesa 7, 2021.
FAAYILII - Xayyaara Itoophiya balaliirra jiru, Finfinnee, Bitootesa 7, 2021.

Dilbata kaleessaa Haawaasaa irraa gara Finfinneetti balali’aa kan ture xayyaarrii daandiin balalii xayyaaraa Itiyoophiyaa kan lakkoobsii balalii isaa ET 154 aarrii irraa mul’atee jira. Imaltoonni xayyaaricha keessa took kan turan Obbo Biruuk haallii ture sodaachisaa ta’u sagalee Amerikaaf ibsanii jiru.

Xayyaara sana irraa aara arguu kan jalqaban balalii eega jalqabanii daqiiqaa 12 irraa eegalee akka ta’e ibsanii huduu akka amantii isaatti kadhataa kka turee fi tokko tokko immoo, iyyaa fi bo’aa turan jedhu. Guyyaa 10 booda gaa’iila dhaabuuf cidha qopheessaa akka jiran kan ibsan Obbo Biruuk, raafama guddaa fi wal arguu hanga dadhabnuuttiaarrii dabalaa waan dhufeef, ofii isaanii dabalatee imaltonni muddamasa guddaa keessa turan jedhu.

Aarrii sun sababaa maaliif akka uumamee fi eessaa akka dhufee fi maaltu akka uumameehin beeku jedhanii namoonni naasuu sana keessatti suuraa kaasaa fi vidiyoo waraabaa turan jedhu. Dhuma irratti xayyaarri kun dirree xayyaaraa Boolee bakka ramadameef irra rakkoo tokko malee qubachuu isaa waajirichi beeksisee jira.

Imalttonnis Nageenyii imaltootaa akkuuma eegameetti nagaan bu’uu isaanii ibsa gabaabaa baaseen kan hubachiise waajirichi , haala uumameef imaltoota dhiifama gaafachuu isaa Yonaataan Zabdiwoos Haawaasaa irra gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG