Xurree ittiin seenan

Breaking News

ABUT Himannaa Hidhannoo Hiikkachuu Laalchisee Manna Maree Nageenyaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Kaaseef Deebii Kenne 


Faayilii - Loltoota ABUT oggaa magaalli Hawzeen isaaniin to'atamtee turtetti, Hawzeen, Caamsaa 7, 2021
Faayilii - Loltoota ABUT oggaa magaalli Hawzeen isaaniin to'atamtee turtetti, Hawzeen, Caamsaa 7, 2021

Manni maree nageenya waloo Itiyoophiyaa Roobii kaleessaa ibsa baaseen Akkaataa walii galtee Piriitooriyaatti Wal waraansa karaa waliin dubbii siyaasaan furmaata itti kennuun hojiiwwan deebisanii dhaabuu hojjetamaa kan jiran ta’uu isaaniitiin Hidhattoonni humna Tigiraay hidhannoo meeshaalee waraanaa hikkachiisuun hojiiwwan hafan keessaa ta’uu eereera. Manni marichaa ibsa isaa keessatti biyyattii keessatti humna raayyaa ittisa biyyaa irraan kan hafe qaamni hidhatee socho’u akka hin jiraanne heera biyyattii irratti ragga’ee jira jedhee akkataa walii galtee Piriitooriyaatti hidhattooni Adda bilisa baasaa uummata Tigiraay hidhannoo isaanii hiikkachuu akka qabanis ibsichi ifoomseera. Itti dabaluunis wal waraansichaan namoota qe’ee isaaniirraa buqqa’an deebisanii dhaabuuf hojiin jalqabame furmaata argachuun akka isarra jiraatu ibsuun dogoggoroota darberraa kanneen hin baranne ammayyuu rakkoo wal fakkaataa uumuuf kanneen socho’aa jiran dhaabbachuu qabu jechuun akeekkachiiseera.

Dhimma kanarratti Sagalee Ameerikaaf deebii kan kennan dhaaba siyaasaa Adda bilisa baasaa Uummata Tigiraayitti hoogannaan damee Ololaa Obbo Iyyaasuu Tesfaay Paartii isaaniif Nagaan tarsiimoo paartii isaanii ta’uu himanii Hidhannoo hiikkachuunis akaataa walii galtee Piriitooriyaatti sirriidhas jedhanii waggaa tokko dura meeshaaleen waraanaa gurguddoo hiikkachiifamuun hidhattoonni baay’eeniis kaffaltii deebisanii dhaabbachiisuun alattis akka bittinnaa’aan taasimeera jedhan. Akkaataa waliigaltichaattis Mootummaan Federaalaa humnoota Raayyaa ittisa biyyaan alatti humnoota daangaa naannoo Tigiraay keessa jiran ni baasa kan jedhu akka tures himaniiru Obbo Obbo Iyyaasuun walii galtichi haawwasa Idil Addunyaa durratti mallata’ee jedhanii gareen Gamtaa Afirikaarraa walitti dhufeeru hojiirra oolmaa isaa hordofaa jiras jedhaniiru jechuun Maqaleerraa Muluugeetaa Astibahaatu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG