Xurree ittiin seenan

Breaking News

Addi Bilisummaa Uummata Tigiraay Hidhannoo Hikkachuu Dhabuutu Rakkoo Haammeesse, Ka Paartiin Izeemaa Jedheef ABUT Deebii Kenne


Konkolaataa waraanaa caccabe naanoo Tigraay, Itoophiyaa, Caamsaa 11, 2021.
Konkolaataa waraanaa caccabe naanoo Tigraay, Itoophiyaa, Caamsaa 11, 2021.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) hidhannoo hikkachuu dhabuu isaan rakkoon hammaatee jechuun Izeemaan himatee jira. Hiwaat hidhannoo hikkachuu Dhaba irraatiin tuttuqqaan wal dhabdee itti fufee jechuun ibsa baaseen kan himatee paartiin Izeemaa, mootummaan Feedeeraalaa hidhannoo hikkachiisuun seeraa fi sirna akka kabajsiisuu gaafatee jira.

Paartiin kun torban dabree naannoo aanaa Raayaa Alaamaaxaatti haala uumamee ilaalchisee wiixata kaleessaa ibsa baasee ture.Himannaa kana irratti sagalee Amerikaaf deebii kan kennan, waajiira HIWAAT keessatti itti gaafatamaa dame oloolaa kan ta’an Obbo Iyyaasuu Tasfaay,dhaabbatii isaanii walii galtee priitooriyaa keessatti tolfamee irratti hundaa’uun karaa nagaa socho’aa akka jiru ibsan. Izeemaan himata kana kan dhiyeessees, akka waliigaltee tolfameetti sochii karaa nagaa gaggeeffamaa jiru waan hin barbaanneefii fi gufachiisuu barbaadeetu jedhan.

Ittu fuufanis torban dabree naannoo aanaa Raayyaa fi Alaamaaxaatti sochiin turees akka waliigaltee tolfameetti kan raawwatamee dha jedhuu Obbo Iyyaasuu Tasfaay dubbachuu isaanii Muluugeetaa Atsebahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG