Xurree ittiin seenan

Breaking News

Afrikaa gama Gaafaa Baranallee Bokkaan ‘Itti Diqqaa,’Koomishiinii Ittisa Balaa Fi Qophaahina Oromiyaa ‘Qophiitti jira’


Afrikaan gamii Gaafaa biyya rakkoo bonaatii fi oolaa bara dabre keessaayyuu akka dansaa keessaa baatee jabaattee miila lafatti hin dhaabatin.Yoo baranallee bokkaa dhabde ammoo jajjabduutti itti dhufa.

Wannii dansaan ammoo amma bokkaatti roobuutti jira,yoo bokkaankun akkuma Raaqii Qilleensa Itoophiyaa fi dhaabii garggaarsa Amerikaa,USAID fi dhaabbileen dhibiilleen jedhanitti diqqaate rakkoon dachaatee jechuu.

Akka USAID-tti bokkaan Gaafa Afrikaa barana harka 15-40 diqqaata.Tanaafuu dhaabii kun biyya Gaafa Afrikaa tanaa gargaarsa $miliyoona 50 kennaa jedhee labse.

Aabba Huseen Galgaloo,itti gaafatamaa Koomishiinii Balaa fi Qophaahina Oromiyaati;

“Karoora keenna akka naannootti hin qopheeffannaa rakko dhufuuf…ragaan jiru maan fakkaata..jennee koree naannoo,ka ittisa balaa fi qophaahinaatiin irratti mari’annee irratti hojjachuuf jirra.”

Koreen tun tana malee sadarkaa aanaatii haga godinaa,koree federaalaallee dabalee hujiif qophii jira akka aabba Huseeniitti.

“Meterooloojiin maan jechuutti jira,gaafii Afrikaa maan keessa jira…bokkaan amma roobaa jira…bifa guutuu taheen qophaahaa jirra.”

Akkuma beekamuu bonii ganna dabree keessumattuu Oromiyaa gama Kibbaatti horii kuma dhibba sadii fixe jedhan.

Gama kaaniin ammoo Ebla 4,bara 2012ttikora waan mirga sooraa argachuu irratti mari’atetti Naayroobiitti taahe.Korii(Food Right),soora argachuun mirga ilmaan namaa jedhu kun akka namii soora argachuuf mirga qabu dubbatee namii maaniif tana dhabee jedhee mari’achiisallee.

Kora namii biyya Afrikaa gama Gaafaatii fi Gama Kibbaa itti dhufe kun keessumattuu yoo waan midhaan argachuu dubbatan,hujiin haawwanii guddoon maatii sooruu waan taateef seerii bahulleen jara quba qabaachu male jedha.

Kora soora ykn midhaan argachuun mirga ilmaan namaa jedhan kana irratti namii hagii tokkoo soora jirtu namaan gahuu malee ganamaa galgala waan mirga soora ykn nyaata argachu qofa dubbachuun faaydaa hin qabduu dubbii tana siyaasaan walti naguuf kana jedhan jedha.

Akkuma taheefuu dubbiin namii tokkoo seera TokkummaanMootummootaa kenneefiin soora ykn nyaata argachuun mirga isaa jedhan kana marii Tokkummaa Mootummootaa irralleetti dubbachuuf karooratti jira.

Food Right,ykn nyaata argachuun seera bara 1948 Tokkummaan Mootummootaa baasee hojjachuuniitti jiru.

XS
SM
MD
LG