Xurree ittiin seenan

Breaking News

Asaasaa Fi Hokkara Ishee Mudate


Godina Arsii dhiyaa magaalaa Asaasaa keessatti jimaata darbe hokkara uumameen lubbuun namaa dhabamee namonni hedduun hidhamu jiraattonni naannoo dubbatanii jiran.

Jiraataan magaalaa Asaasaa akka jedhantti humnootiin mootummaa amantoota masjiida keessaa ba’aa turan keessaa tokko qabnaan uummanni mormee dhukaasa banameen namni 4 ajjefaman.

Kanneen mada’anii wal’ansa fayyaaf Awaasaa deeman akkasumas achuma Asaasaa keessatti wal’anamaa kan jiran jiraachuus ibsanii jiru. Namonni sababaa hokkara uumame kanaan hidhaman hedduu ta’uu fi irraa jala hiikamaa kan jiran jiraachuun ibsamee jira.

Komishinarri komiishaina polisii Oromiyaa Televiziyoona Itiyoophiyaa irratti akka ibsantti kanneen amantii dahannaa godhachuun siyaasa ofantu hokkara kanaaf sababaii ta’e jedhu.Poolisiin hawaasa naannoo wajjin ta’uun seera duratti dhiyessa jechuun hubachisan.

Gabaasaa Guutuu MP3 tuquun dhaggefadhaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG