Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Briteen Seera Baqattoota Ruwaandaa Biyya Isaaniitti Deebisuu Dandeesisuu Raggaasise


Muummee Ministiraa Biriteen Sunaak Sheeksi fi Pirezdaantii Ruwaandaa Pool Kagaamee, Landan, Ebla 9, 2024.
Muummee Ministiraa Biriteen Sunaak Sheeksi fi Pirezdaantii Ruwaandaa Pool Kagaamee, Landan, Ebla 9, 2024.

Manni Maree paarlaamaa Biriteen inni ol aanuu Kibxata har’a seera godaantota Ruwaandaa kanneen Briteen keessa jiran ari’uu akka jalqabu dandeessisuu irratti qiyyaafate raggaasiseera. Mummichi Ministeera Briteen Rishi Sunak torban 10 hanga 12 keessatti koolu galtoota gara Ruwaandaatti erguu akka jalqaban Wiixata kaleessaa waadaa galaniiru.

Sunak akka jedhanitti, mootummaan xiyyaarota daldalaa fi hojjettoota leenji qaban kanneen godaantota gara Ruwaandaatti geessan qopheessee jira. Imaammanni kunis dhuma bara kanaa filannoo duraa irratti, Paartii yaada irratti cichiitootaa ykn Konsarvaatiiviif deggersa guddisa jedhanii abdatu.

Manni maree warra Loords kun yeroo dheeraaf seera qoqqoodinsa qabu kana eegumsa dabalataa malee deeggaru didee ture, garuu dhuma irratti erga mummichi Ministeera biyyatti, mootummaan paarlaamaa akka barbaachisummaa isaatti hanga Wiixatati halkan taa’u dirqisiisanii booda harka kennate.

Godaantonni kuma kurnootaan lakkaa’aman - hedduun isaanii waraanaa fi hiyyummaa Afrikaa, Giddugaleessaa bahaa fi Eeshiyaa keessaa baqatan - waggoota dhiyoo asitti imala balaa qabu kan gareewwan namoota seeraan alaa daddabarsaniin qophaa’an bidiruu xixiqqoodhaan Biriteen ga’aniiru. Imla akkasii kana dhaabuun mootummaaf dhimmi iddoo dursaa itti kennuu yoo ta'u, qeeqxonni garuu karoorri namoota koolu galtoota gara Ruwaandaatti ari'uu namummaa kan hin qabnedha jedhu.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG