Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deemsi Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Sadarkaa Naannootti Jalqabuuf Akka Jiru Ibsame


FAAYILII - Magaala FInfinnee, Sadaasa 4, 2020.
FAAYILII - Magaala FInfinnee, Sadaasa 4, 2020.

Dhimmootii nageenya biyyoolessaa irratti mari’achuu dhaaf Itiyooophiyaa keessatti nageenya waariinsa qabu fiduuf hojii hojjetamaa jiran ilaalchisee manni maree nageenya biyyaa ibsa baasee jira. Kanneen keessaa rakkoo siyaasaa kana dura turan marii biyyoolessaan furuuf adeemsa jalqabame tuqeera.

Yeroo ammaa komiishinni marii biyyoolessaa naannolee 10 fi bulchiinsa magaalaa lama akkasumas aanaalee irra hirmaattota marii sana irratti hirmaatan hojii adda baasuu xumuruu isaa kan tuqe ibsichi, akkuma kanaan anaalee 679 keessaa adeemsa marii sanaa irratti kan hirmaatan hanga ammaatti hirmaattonni 12,294 adda baafamaniiru jedhe. Torbanneen xiqqoo keessatti komiishinichi sadarkaa naannootti waltajjiiwwan marii geggeessuu ka jalqabu ta’uus beeksiseera.

Adeemsi marii sanaa dhiyeenya jalqabamuuf kan jiru ta’uu VOAf kan mirkaneessan komishinera olaanaan komiishina marii biyyoolessaa Itiyoopiyaa Profeeser Mesfin Araayaa, naannoo hirmaaottonni adda baafaman naannolee fi bulchiisawwan magaalaa keessatti wal duraa duubaan marii geggeessamuuf hojiin ajandaa adda baasuu akka raawwatamu ibsaniiru. Finfinnee keessatti adeemsi kun torban lama keessatti kan jalqabu ta’uu mirkaneessaniiru.

Qaamolee walitti bu’iinsa hidhannoo keessa jiraniif gara marii biyyoolessatti akka deebi’an irra deebi’uun waamicha kan taasisan komiishinerri ol aanaan, komiishinichi akka aangoo labsiin isaaf kennametti wabii nageenya isaanii eegsisuu kan mirkaneessuuf ta’uus ibsaniiru. Biyya keessas ta’e biyya alaatii hidhattootaa fi paartilee polotiikaa dabalatee adeemsa marii sanaa irratti qaamotii shakkii qaban waliin dubbachuuf qophii ta’uu isaa fi yaaliis gochaa kan jiru ta’uu dubbataniiru.

Haa ta’u malee komiishinerichi hanga ammaatti, qaamaan dhiyaatee kan isaan dubbise qaammi hidhate jira yoo ta’e gaaffii dhiyaateef, amma, kanaaf deebii kennuu kan hin barbaanne ta’uu VOAf ibsaniiru. Itiyoophiyaatti kan argamu embasiin Yunaayitid Isteetis har’a ibsa gabaabaa baaseen, komiishinichi marii hunda hirmaachisu taasisuuf waamicha inni dabarse kan deggeru ta’uu ibseera. Itti fufees marii ijaaraa geggeessuuf Itiyoopiyaa dhaaf nagaa fi tasgabbiin mala wayaawaa dha jedha ibsi embasicha biraa ba’e.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG