Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiittaaleen Mirga Namoomaa Kana Dura Argamee Hin Beekne Biyyoota Adda Addaa Keessatti Raawwatamaa Jiru, Jedha Amnestii Internaashinaal


Palestiinota sababa jeequmsaatin qehee irraa buqahan, Gaza, Ebla 23, 2024.
Palestiinota sababa jeequmsaatin qehee irraa buqahan, Gaza, Ebla 23, 2024.

Seerri sadarkaa addunyaa Gaazaa fi Yukireen keessatti ifaa ifatti cabsamuun, walitti bu’iinsi humnotii hidhatanii heddummaachaa adeemuu, Sudaan, Itiyoopiyaa fi Maaynamaar keessatti dhiittaan mirga namaa hamaan hammaachaa jira jechuu dhaan Amnestii Internaashinaal gabaasa isaa kan waggaa Roobii har’aa baaseen akeekkachiiseera.

Gareen mirga namaa kun akka ibsetti, Yunaayitid Isteetis, Raashiyaa fi Chaayinaa dabalatee mootummoonni humna guddaa qaban, seeraa fi duudhaalee sadarkaa addunyaa akkasumas labsii Mirgoota Namoomaa Addunyaa keessatti tumaman tuffachuu dhaan lammiileen nagaan naannoo walitti bu’iinsi jiru keessa jiraatan gatii olaanaa baasaa jiru jedhe.

Barreessituu gameettiin Amnestii Ajenes Kalamaard haali sirna sadarkaa addunyaa cabsuu waggaa darbe keessatti mul’ate kan kanaan dura hin argamne jedhan. Israa'el seera sadarkaa addunyaa ifatti tuffachuun ishee, michoonni ishee dhiigi namoota sivilii haala ibsamuu hin dandeenyeen Gaazaa keessatti ennaa dhangala’u dhabsisuu dadhabuu isaaniitiin daran hammaateera, jedhan.

Gabaasni kun Yunaayitid Isteetis dhiittaa mirgaa Israa’el raawwatte balaaleffachuu dhabuu fi aangoo sagalee veto qabdutti fayyadamuun ishee golli naga eegumsaa kan Tokkummaa mootummootaa murtee dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessa laamshessuu isaaf, akkasumas weerara Raashiyaan Yukireen keessatti itti fufee jirtu gabaasicha irratti ibsameera. Akkasumas Chaayinaan humnoota waraanaa Miyanmaar keessaa hidhachiisuu fi akkaataa Beejiing sab-xiqqaalee Uyghuur itti qabdu irratti qorannoon akka hin geggeessamne ittisuu ishee gabaasichi ibseera.

Amnestiin biyyoota 155 keessa kan jiru haala qabiyyee mirga namaa irratti gamaaggama geggeesse ka tarreesse gabaasichi, bara 2023 keessa mirga dubartootaa fi qixxummaa saalaa ilaalchicee mormii jiru dabaluu isaa illee tuqee jira. Iraan kee keessatti hiriira mormii dubartootaa haala suukaneessan ukkaamsuu, Afgaanistaan keessatti Taliban dubartoonni uummatatti akka hin mul’anne ugguruuf karoorfachuu fi Yunaayitid Isteetis fi Poolaand keessatti ulfa of irraa baasuun seeraan akka ugguramu kan jedhu gabaasichi tarreesseera.

Gareeleen mirga namaas teeknooloojii haaraan yoo hin to’atamne balaa inni qabu tuquu dhaan, teeknooloojiin nam tolchee ykn artifiishaal intelejensi fi meeshaaleen nama hordofuuf tolfaman hedduun walitti bu’iinsi akka hammaatu, mirgi namaa dhiitamuu fi walabummaan akka dhabamu dubbii kakaasuu irratti bobba’uu waan danda’aniif, qorannaan hin geggeessamu taanaan yaaddoo guddaa dha jechuun akeekkachiisan. Barreessituu gameettiin Amnestii Kaalmaard, “taaknooloojiin to’annoo ala ta’e, loogii, odeeffannoo dogoggoraa fi addaan qoodaminsaaf meeshaa ta’uu mala” jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG