Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhimmi Namoota Galmee Dr. Wondiwasan Asaffaa Irratti Himaannaan Har'a Mana-Murtii Federaalaatti Ilaalamee Jira 


 FAAYILII - Karra Mana-Murtii Federaalaa, Finfinnee
FAAYILII - Karra Mana-Murtii Federaalaa, Finfinnee

Abbaan Alangaa mootummaa Federaalaa himata shororkeessummaa Doktar Wandiwasanii fi kanneen galmee isanii jala jiranii akka sirreeffatu manni murtii ajaja dabarse irratti iyyata dhiyyeeffate.

Galmee Doktar Wandiwasan faa’aa jalatti gochaa Shororkeesummaan Abbaan alangaa mootummaa Federaalaa himannaa irratti baneeru . manni murtii abbaan alangaa himannaa isaa akka fooyyeeffatu ajaja kennerratti namoota gochaa yakka himatamtoonni kunneen raawwataniin ajjeeffamaniiran maqaan isaanii akka tarreeffamu gaafaterratti Abbaan alangaa ragaawaan na jalaa saaxiila jechuun falmeera.

Himatamtoonni Galmee Doktar Wandiwasnfaa jala jiran kanneen himannaan shororkeessummaa gaafa Waxabajjii 1 bara 2015 isaanirratti banameeru Gochaa shororkeessummaa isaan raawwataniin lubbuun namoota 217 darbeera jechuun abbaan alangaa himannaa irratti dhiyyeesseru beellama har’a Eebila 17 bara 2016 mana murtiitti dhiyyaataniin Abbaan Alaangaa Iyyata galfateen himannaa isaa akka hin faooyyeesine ibseera jedhan Abukatoon himatamtootaa Obbo Solomoon Gazzaaheeny.

Abbaan Alangaa akka sababaatti kan dhiyyeeffate maqaa namoota du’aniiranii yoon himannaarratti tarreesse ragawwan koo na jalaa saaxila kan jedhuu fi barsiifata hanga ammaatti jiruunis sababa himatamtootaan namoonni ajjeeffamaniiran maqaa tarreessuun waan baratame jedhanii murtoo manni murtii himannaa akka foyyeeffataniif gaafa Sadaasa 12 bara 2016 dabarsee ture akka irraa kaasu iayyataan gaafataniiru.

Abukaatooowwan himatamtootaammoo gama isaaniin seerri maqaan namoota sababa himatamtootaan du’aniiranii akka tarreeffamu kan dhowwaa taasisu hin jiru jechuun falmuu isaanii Obbo Salamoon sagalee Ameerikaatti himaniiru. Manni murtichaa himannaawwan qaama lamaanuu erga dhaggeeffateen boodas dhimmicha irratti ajaja dabarsuuf beelama biraa gaafa Caamsaa 12 bara 2016 tti qabateera jechuun Finfinneerraa Keneedii Abaateetu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG