Xurree ittiin seenan

Breaking News

Biyyi Rippaablikii Dimokraatawaa Koongoo Muummittii Ministeeraa Dubartii Muudee Jira


Ministira Karooraa an turan Juudith Suminwa Tuluka, Kinshaasa, Ebla 01, 2024. (Waajjira pirezdaantii DRC)
Ministira Karooraa an turan Juudith Suminwa Tuluka, Kinshaasa, Ebla 01, 2024. (Waajjira pirezdaantii DRC)

Pireezidaant Fileeksii Tishiseekedii Wiixata kaleessaa Yeroo jalqabaaf kan ta’e Ministira Muummee biyyattii dubartoota keessaa kan muudan yommuu ta’u Ministira Karooraa biyyattii kan turan Yuudit Suuminwaa Tulukaa Ministira Muummee ta’uun muudamaniiru. Muudamni isaanii kunis yeroo naannoo baha biyyattii kan Albuudaan badhaate naannoo daangaa Ruwaandaa irratti jeequmsi babbal’atettidha. Akka gabaasa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti sababa jeequmsa biyyattii keessa jiruun namoonni Miiliyoona torbaa ol qe’ee isaaniirraa kan buqqa’aniiran yommuu ta’u akka Addunyaatti bakkoota rakkoon gargaarsa namoomaa dhaqqabeeru keessaas Rippaabulikni Dimookiraatawaa Koongoo tokko taateetti jedheera.

Mnistirittiin Muummee haaraa Tulukaan haasaa muudama isaanii irratti dhageessisaniin Nageenyaa fi misoomarratti akka hojjetan waadaa galaniiru. Mootummaa haaraa hundeessuuf ammas ji’a tokko yeroo nu hafutti kan jedhan ministirri muummee haaraan kun ammayyuu paartilee mormitootaa waliin marii tasisuun barbaachisa jedhanii yaadni koo gara baha biyyattii fi golee biyyattii hundaa keessa jiras jedhaniiru.

Mgaalaa gudditti biyyaattii Kishaasaarraa fagatee kkan argamu baha biyyattiitti gareen hidhattootaa 120 ta’an kanneen qooda Albuuda naannoo keessaa argamurratti falmii gaggeessaa jiran yeroo dheeraaf lola hidhannoo taasisaa jiran ajjeewwan jumulaa gaggeessu.

Gola nagaa eegumsaa Naannoolee irraa fi dhabbata mootummoota gamtoomanirraa kan bobba’an nagaa eegsiisuuf waggoota dheeraaf naaanno Baha biyyattii keessa kan turan gaaffii mootummaa biyyattiitiin gadhiisanii akka bahan taasifamuu hordofee akka haaraatti amma jeequmsi babbal’atee jira.

Waggoota Shanan itti aananiif ammas irra deebi’uun ji’a muddee darbe keessa kan filataman Pireezidaantiin biyyattii Fileeksii Tishiseekedii humnoota hidhatanii socho’an kanaaf Biyyi Ollaa isaanii Ruwaandaan deeggarsa taasifti jechuun yommuu himatan Ruwaandaan gama isheen himannicha ni haalti.

Yuunaayitid Isteetsi ji’a darbe kana Koongoo fi Ruwaandaan qarqara waraanaarraa akka deebi’an jechuun waamicha dhiyyeessitee karaa ministira haajaa alaa ishee Ruwaandaan loltoota ishee fi sirna Misaa’eela ishee qilleensarraa kan Koongoo bahaa keessaa baasuu qabdi jechuun deegarsa garee hidhattoota M23 ‘f taasiftu dhaabuu qabdis jedheera.

Ministirri haajaa alaa Ruwaandaammoo gama isaan ji’a darbe ibsa baaseen Koongoon naannoo daangaarratti ijaarsa waraanaa raawwachaa jirtuuf Loltoonni Ruwaandaa daangaa Biyyattii eegaa jiru jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG