Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gabaa Beekamaa Maaltu Gube?


Torbanneen hanga tokko dura magaalaa Haraar keessaa kan jiru iddoon daldalaa “Shawaa Barr” jedhamu gubachuu isaa gabaasamee jira.

Waldootaa fi namoota sababaa balaa kanaan qabeenyaan isaanii barbada’een walgahiin waamamee ture, mootummaan dhorke jedhu miseensonni koree.Angawaan naannoo sanaa garuu hin dhorkmnee jechuun falmu.

Koree walgahii kana waameef dura ta’a kan ta’an obbo xaggaayee Haaylee akka jedhantti Gabaa daldalaa kana maaltu akka gube haga har’atti hin ibsamiin jira.

Walgahiin akka hin gaggeefamne kan ittisee hin jiru jechuun kan falman immoo bulchiinsa naanootti itti aanaa bulchaa kan ta’an Raggaasaa Keffaalee Kun mirga heerri mootummaa kennee dha. Sirna jiru hordofee walga’uuf, mormii dhagesisuu akkasumas deggeruuf mirga guutuu qabu jedhan.

Obbo Raggaasaan kana jedhan iyyu, kanneen walgahiin kun akka hin gaggeefamneef xalayaan isaan ga’e, xalayiicha Raadiyoo Sagalee Amerikaatti agarsisanii jiru.

Xalayaan kunis Maqaa namoota naannoo "shawaa barr" jedhamuuti balaa ibiddaa dhaqqabeen midhamniif, gargaarsa walitti funaanuu ykn walgahii gaggeesuun dhorkaa dha jedha.

Namoota qabeenyaan jalaa barbada’eef eenyu maallaqqa walitti haa qabu? isa jedhu irratti mootummaa naannoo waliin rakko keessa seenuu isaanii Obbo Xaggaayeen ibsaniiru.

MP3 tuquun gabaasa guutuu dhaggefadhaa



Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG