Xurree ittiin seenan

Breaking News

Abbootiin Gadaa,Haadha Hiyyeessaa Gargaaraa,Bineensa Baddaa Badii Dhowwaa,Gadaa Jabeessaa Jedhan


Gumiin Gaayoo 40essoon aanaa Gaayoo teette seera Gadaa baatee asiin gahe jabeessitee, haaraa dabaltee,haadha hiyyeessaa gargaaraa,amantii qabaattanillee aadaa ‘nurraa’ hin balleessinaa jettee waan hedduu dubbatte.

Koriin Gumii ganna saddeeti saddeeti taaha,waan kora baranaa irratti jabeessanii dubbatan ta dhibii keessaa tokko waan amantiiti.Akka abbaa Gadaa Booranaa Guyyoo Gobbaatti,abbaan amantii fedhe gula bahuun dhiba hin qabdu,wannii dhiba qabaa ammoo,”yoo amantii jedhanii waan Booranii lagatu, firaa fi fiixaan wal fuudhan,laguu dhabanii nama gochii hin fuune fuudhuun faan waan tahuu hin malle, abbaan tana didee isatti nu mormatee aadaa walti hin qamnu.”

Rooba Jaarsoo,Abbaa Gadaa Awaxxuuti,akka aabba Roobaatti Gumiin Gaayoo akka namii bineensa baddaatuu jabeessuu dhaamatte.

“Bineesii baddaa,faaya biyyaati, ka durii badeeyyuu lafa dhabee Keenyaatti galee,nu sun hin agarreeyyuu, ka badu badee asii achi badii dhowwannaa.”

Wannii Gumiin dubbatte ta dhibiin akka haadha hiyyeessaa gargaaruu malan,akka aabba Roobaatti “nama gaafa jiru jabaa gaafa lubbuu dhabellee jabeennii isaa maatii isaatti hafaa galata isaatii jedhanii maatii isaallee gargaaranii uleefeessuu malan.”

Akka abbaa gadaa Guyyoo Gobbaatti,ijoollee dubraa diqqeennaan fuusisuun seera malee,maan jennaan namii ganna 18 gadii ufiifuu ijoollee,ijoolleen lamaan wal hin fuutu,fuutullee wal bulfachuu hin dandeettu.

Gadaan Oromoo bara qaroomii addunyaa akkana hin guddatin,ka mootummaan aadaa namaa jibbuu jiaattuuyyuu hin banne,gadaa abbootiin asiin geette tana asii achi Oromoo cufatti itti wal gargaaree jabeessuu male.

please wait

No media source currently available

0:00 0:10:27 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG