Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Amaaraa Godina Gondar Kibbaatti Lola Hunoota Mootummaafi Hidhattootaa Faannoo Gidduutti Geggeessameen Namoonni 5 Ajjeesaman Jedhame 


FAAYILII - Magaala Goondor, Naannoo amaaraa
FAAYILII - Magaala Goondor, Naannoo amaaraa

Wiixata darbe gaafa Eebila 7 bara 2016 A.L. I tti naannoo Amhaaraa godina Gondor Kibbaa aanaa Istee ganda Agonaa jedhamu keessatti wal waraansa humnoota Faannoo fi mootummaa gidduutti taasifameen namoonni nagaa Shan ajjeefamuu maatii fi namoonni ijaan argine jedhan Sgalee Ameerikaatti himaniiru. Namni maqaan isanii Obbo Axinaaf Waaleliny ta’uu sagalee Ameerikaatti himan Mucaan isanii durbaa kana umriin ishee 12 Immmebeet Axinaaf kan jedhamtu lagaa bishaan waraabdee osoo galtuu humnoota nagerenyaa mootummaan rasaasaan rukutamtee duteetti jedhan.

Namni biraan jiraataa ganda kanaa ta’uu ibsan Obbo Ababawu Makuriyaa guyyaa sanatti ganamarraa kaasee sagalee dhukaasaa dhaga’uu isaanii himanii namoonni idiirii isaanii keessa jiran ajjeefamuu isaanii mirkaneessaniiru. Namoonni biroo maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatanis wal waraansa guyyaa jedhametti ture kanaan manneen jireenyaa namootaa gubachuullee himaniiru. Dhimma kanarratti gama mootummaan deebiin argachuuf yaale naaf hin milkoofne jechuun Baahirdaar irraa Asteer Misgaanawutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG