Xurree ittiin seenan

Breaking News

Gurmuun Waraana Humna Galaanaa Turkii Somaaliyaa Daawwate


Pirezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud bakka Dooniin Waraanaa Turkii qubateetti oggaa deeman, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla 23, 2024.
Pirezdaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohamuud bakka Dooniin Waraanaa Turkii qubateetti oggaa deeman, Moqaadishoo, Somaaliyaa, Ebla 23, 2024.

Kibxata jechuun Ebla 23 Somaaliyaan garee humna galaanaa Turkii gara buufata doonii magaalaa guddoo ishee Moqaadishootti simattee sirna angawoota mootummaa fi waraanaatiin qophaa’een kabajjee jirti

Daawwannaan humnoota Turkii kun kan geggeeffame erga Turkii fi Somaaliyaan waliigaltee ittisaa fi tumsa diinagdee mallatteessanii ji’a lama booda. Sagantaa kana irratti preezdaantiin Somaaliyaa, Hasan Sheek Mohaammad fi aangwoota mootummaa olaanoo biroo dabalatee ministirri ittisa biyyattii Abdulkadir Mohaammad Nuur argamaniiru.

Turkiyaan waggoota darban keessa michuu dhiyoo mootummaa Somaaliyaa taatee jirti. Ankaaraan manneen barnootaa, hospitaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa ijaaruu dhaan lammiileen Somaalee Turkiitti akka barataniif scholarship ykn carraa barnoota tolaa kenniteefii jirti.

Bara 2017 Turkiyaan buufata waraanaa ishee guddicha biyya alaa keessaa Moqaadishootti banteetti. Itti dabaluu dhaanis, waraanaa fi poolisoota Somaaliyaaf leenjii kenniti.

Ajajaan humna galaanaa Turkiii, Serkaan Dogan akka jedhanitti, walii galteen jalqaba waggaa kanaa mallattaa’e, humna galaanaa Somaaliyaa deebisanii ijaaruu akka deeggaran kan isaan dandeessisu yoo ta’u, naannoo galaanaa Somaaliyaa keessatti sochii seeraan alaa ittisuuf gargaarsa kan taasisu ta’uu ibsaniiru.

Angawoonni biyya keessaa fi sadarkaa addunyaa shiftummaan galaana irra rakkoo guddaa ta’u mala jechuun akka yaadan taasisee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG