Xurree ittiin seenan

Breaking News

Handaara Galaana Jabuutiitti Doniin Galaanaan Nyaatamee, Godaantoora Itiyoophiyaa 16 Du’uun Ibsame


Godaantotni Itiyoophiyaa daa'imman dabalatee yoo xiqqaate 16 ta’an bidiruun isaanii qarqara galaanaa Jibuutii irraatti erga liqimfamtee booda du'uu isaanii Embaasiin Itiyoophiyaa Jibuutii keessa jiru beeksisee jira. Akka imbaasichi jedhutti, bidiruun godaantota Itiyoophiyaa 77 fe’attee Yaman irraa gara Jibuutii osoo deemaa jirtuu taateebalaan kun mudate.

Imbaasichi akka jedhetti namoonni biroo 28 achi buuteen isaanii dhabamee jira. Kunis torban lama keessatti taatee akkanaa isa lammaffaa ta’uu dhaabbati godaantota kan Tokkummaa Mootummoota (IOM) Kibxata har’a ibseera. Namoonni bidiruu kana keessa turan gidduus daa'imman akka jiran IOM waltajjii miidiyaa hawaasaa X kan duraan Twiitar jedhamaa ture irratti maxxansa baaseen beeksiseera.

Waajjirri IOM inni Jibuutii keessaa tattaaffii baraarsaa irratti gargaaraa akka jiru ibseera. Torban lama dura, daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 38 qarqara galaanaa Jibuutiitti dooniin biraa caccabuun lubbuun isaanii darbeera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG