Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets Bulchiinsi Traamp Hariiroo Biyyi Isaanii Kooriyaa Kibbaa Waliin Qabdu Akka Cimsitu Beeksisan


Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets – James Maatis
Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets – James Maatis

Ministarri Ittisaa Yunaayitid Isteets – James Maatis, yeroo ammaa ennaa Koriyaa Kaabaa irraa tuttuqqaan Kooriyaa Kibbaatti hammaatee jiru kanatti, bulchiinsi Traamp hariiroo biyyi isaa Kooriyaa Kibbaa waliin qabdu cimsuu irratti ka cichee hojjetu ta’uu dubbatan.

“Yeroo ammaa kanatti, doorsisi yokaan sodaachisni biyya keessanii fi biyya keenya dura dhaabbate dhugaa isaa ifatti baasuu qabna. Walcina dhaabbannee sodaachisa kana of irraa deebisna” – jechuudhaan, Muummicha-ministaraa Kooriyaa Kibbaa -- Hwaang Kiyoo-aan cina dhaabbatanii dubbatan.

Muummichi-ministaraa Kooriyaa Kibbaas, waa’ee sodaachisa Kooriyaa Kaabaa irraa mudataa jiru of irraa aggachuu irratti, Yunaayitid Isteetsii fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti akka mariin geggeessamu gaafatan.

XS
SM
MD
LG