Xurree ittiin seenan

Breaking News

Humnootiin Ertraa Magaala Itiyoophiyaa Kaabaa Haaleeluun Ibsamee Jira 


FAAYILII - Taankii waraanaa barbadaahe, Tgraay, Muddee 11, 2020.
FAAYILII - Taankii waraanaa barbadaahe, Tgraay, Muddee 11, 2020.

Dhuma tyorban dabree irra humnootiin Ertraa magaala Itiyoophiyaa kaabaa haleeluu isaanii Galmeeleen keessaa kan Tokkummaa Mootummootaa fi humnootiin kutaa Sanaa ibsanii jiru.Kunis walitti bu’iinsii Tigraay keessaa baatilee lamaaf gab eega jedhee booda.

Jaarmayoonni gargaarsaa kanneen shiraaroo jiran irraa odeeffannoon Tokkummaa Mootummootaaf ergame akka jedhutti dhukaasii yoo xiqqaatee marsaan 23 kan dhukaafamee yoo ta’u, hangi tokko manneen barumsaa yeroo ammaa namoonni qe’e ofii irraa godaanan keessa buufatan rukute.

Intalli durbaa umriin 14 kan ajjeefamte yoo ta’u, namoonni 18 mada’anii manneen 12 miidhamuu galmeen jiru ni agarsiisa.Dubbii himaan ABUT Geetaachoo Raddaa Twiitarii irratti akka barreessanti Caamsaa 24 naannoo Addi Awwalla jedhamutti haleellaa kan banan humnootiin Ertraa waraana keenyaan barbada’anii jiru jedhan.

Ajajaan birgeedii tokkoo fi ajajoonni kanneen biroon 3 fi looltonni 300 caalaan ajjeefamuu fi kaan madaa’uu ibsan.Meeshaa waraanaa fi qabeenyi biraas boji’amuu ibsanii Caamsaa 28 fi 29 immo shiraaroo haleelan jedhan.Kunis kutaa sana keessatti nagaan akka hin jiraanne barbaachu mootummaa Ertraa irraa madde jedhan Geetaachoo Raddaa.

Gabaasa kana irratti ministeerri odeeffannoo Ertraa akkasumas dubbii himaa mootummaa Itiyoophiyaa fi kan waraana biyyatti biraas deebiin kennamee hin jiru.ABUT gidduu kana sodaaciisa haleellaa waraanaa kan marsaa sadaffaa Itiyoophiyaa fi Ertraa irratti gaggeessuuf jirti jechuun mootummaan Ertraa beeksisuun isaa ni yaadatama.Kana malees gargaara nyaataa argatu ABUT namoota gara waraana isaatti dabaluuf oolcha jettee jirti.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG