Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanni Isiraa'el Magaalaa Raafaa Irratti Haleellaa Xayyaaraan Deggerame Geggeessuu Jalqabe 


Palastiinota yeroo haleellaa Israa'liin aarii samii keessatti mullatutti magaala Raafaa keessatti karaa irratti yaa'an, Caamsaa 7, 2024.
Palastiinota yeroo haleellaa Israa'liin aarii samii keessatti mullatutti magaala Raafaa keessatti karaa irratti yaa'an, Caamsaa 7, 2024.

Waraanni Israa’eel haleelaa kana raawwachuu isaatin duratti jiraattonni magaalicha keessa kumaatamaan lakkawwman akka gadi lakkisanii bahan ergaa ajaja kennaa turee boodaa guyyaa har’aa magaala Raafaa kutaa gara Gaazaatti argamu irratti haleellaa xiyyaara waraanaatiin deggeramee kan taasisuu jalqabe.

Yunaayitid Isteets fi dhaabbanii mootumoota gamtoomanii Raafa irratti haleellaa Raawachuun gaaga’ama guddaa siviilota irratti fiduu danda’a jechuudhaan Israa’el akka duula Raafaa hin jalqabnee gaafachaa turanus, haanga’onni fi qondaaltonni waraana mootummma israa’el lola Hamaas irratti taasisaa jiran moo’ichaan xumuruudhaaf magaala Raafaa too’achuun waan hin oolle akka ta’e irra deddebi’anii ibsaa turuun isaanii ni beekama.

Haleella waraana Israa’el kanaan midhaan hamaan akka siviilota irra gahuu danda’u kan ibsan itti gaafatamaan imaammata alaa gamtaa Awurooppaa Joseef Booreel ibsa guyyaa har’aa oduu gabaastootaaf kennaniin Gaazaa keessatti bakkii nageenyaa siviilotaatiif ta’u tokkollee akka hin jirre ibsaniiru. Dhaabata mootumoota gamtoomanitti dubii himaan jaarmiyaa gargaarsa namoomaa Jens Laa’eerk Israa’eel qaxxaamuraa Raafaa fi Shaaloom cufuu ishee ibsanii, sababa kanaaniis ulaawwan gargaarsii anmoomaa itti dhihaatu lama cufamuu isaanii beeksisaniiru.

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayden Wixata kaleessaa mummicha ministiraa Israa’el Beenjamiin Natenahuu wajjin bilbilaan haasaa taasisaniin duullii Israa’el Raafa irratti taasiftu karoora nageenyaa ammiilee Paalastaain eeguu akka of kessaa qabachuu qabu gaafataniiru jedhameera. Gaafii Baayiden kanaaf deebii kan kennan Nataniyaahuun, qaxaamurri bakka Kerem Shaalom jedhamu gargaarsaa namoomaatiif akka bana taasifamu ibsuun isaanii gabaasameera.

Siviilonnii Miliyoonii 1.2 Raafa keessa akka qubatanii jiran kan ibsee dhaabbanni fayyaa Adduunyaa, caalaan namoottan kanaa waraansa baqachuudhaan kutaalee gaazaa biroo keesaa buqqa’anii kan qubataniidha. Daarekterri dhaabata fayyaa Aduunyaa Dr. Tewodiroos Adehaanoom Wixata kaleesaa ibsaa karaa midiiyaa hawaasaa Xn ykn Tiwuutariin kennaniin tarkaanfiin waraanaa Raafaa irratti fudhatamu, fedhii gargaarsa namoomaa irratti badiinsii kanaan dura argamee hin beekne mulachuu akka danda’u hubachiisuun isaanii gabaasameera.

Barreessan muumee dhaabata mootummoota gamtoomanii Antoonii Guterees dhimma tarkaanfi waraana Israa’eel irratti yaada kennaniin, rakkinni gargaarsaa namoomaa mulachuu jalqabuu isaa ibsaniru. Haleellaan Israa’el Raafaa irratt raawachaa jirtu kun erga gareen Hamaas yaada dhukaasa dhaabuu Masriifi Kaataar keessatti taasifamaa jiruu akka fudhatuu ibsee booda ta’un isaa beekameera.

Mummichii ministeraa mootumma Israa’el Beenjaamiin Nateniyaahuu yaadiini waligaltee dhukaasa dhaabuu waan Israa’el barbaadu irraa waan fagoo jiruudha. Ministeerri dhimma alaa Yunaayitid Isteets fi masaraan Waayit Haawus Deebii gareen Hamaas kenne xiinxalaa akka jiranu ibsanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG