Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaa: Daandilee Gara Nagaa Waaraa


Hirmaattota marii mata dure "Itoophiyaa: Daandilee Gara Nagaa Waaraa ," jedhuun Sagalee Ameerikaatin qophaahee, Istudiyoo VOA keessatti, Waashingitan Diisii, Caamsaa 6, 2023.
Hirmaattota marii mata dure "Itoophiyaa: Daandilee Gara Nagaa Waaraa ," jedhuun Sagalee Ameerikaatin qophaahee, Istudiyoo VOA keessatti, Waashingitan Diisii, Caamsaa 6, 2023.

Kun marii addaa jalqabbiiwwan Itoophiyaa keessatti nagaha buusuuf godhamaa jiranirratti xiyyeeffatee Sagalee Ameerikaatiin qophaahe. Marii kana irratti Aaddee seenaa Jimjimoo, Dr. Milkessa Miidhagaa, Aaddee Biraanee Beekaa, Aaddee Ayishaa Alii fi Obboo Nageessaa Oddoo affeerre. Tigist Gammeetu mariisiisee, daawwadhaa.

Kutaa 1ffaa - Itiyoophiyaa: Daandiiwwan Gara Nageenya Waaraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
Kutaa 2ffaa - Itiyoophiyaa: Daandiiwwan Gara Nageenya Waaraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
Kutaa 3ffaa - Itoophiyaa: Daandilee Gara Nagaa Waaraa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00

Walitti-bu’iinsa biyyattii keessa bakka adda addaatti ka’aaniin lubbuun namoota baayyee darbee, kumaataman an lakkaawwaman qeheerraa buqahaniiruu, qabeenyi manca’eera. Walumaagalatti akka dhabbanni mootummoota gamtoomanii jedhutti yeroo ammaa kana sababaa walittibu’iisaa fi ongeetin Itoophiyaa keessatti namooni miliyoona 20 ta’an deeggarsa dhaabilee qarqaarsaarraa argataniin jiraatan. Karaa biraatin hooggantoonni fi miseensoonni paartiilee mormituu adda addaa mana hidhaa jiran deemsa seeraa haqa-qabeessa argachaa akka hin jirre himatan. Akka waliigalaatti biyyattii keessatti qala’iinsi jireenyaa faarumaan hammaatera.

Naannoo Oromiyaa hoo laalle; godinoota baayyee keessatti nageennyi erga dhabamee bubbuuleera. Namoonni heddun qehee isaanii irraa baqatanii gara magaalotaa dheeffaniiru. Dardaggoon naannichaa mormii oggoota kudhan dura jalqabee boodas naannoo kaanittuu babalattee fi bara 2018 jijjiirrama hooggansaa fideerratti hirmaate bu’aa qabsoosaa argateeraa? Rakkoo walxaxaa amma mullatuuf malli maali? Karaa biraatin kaaba Itoophiyaatti nagaha fiduuf waliigalteen mootummaa fi Adda Bilisummaa Uummata Tigraay edduutti irra gahame abdiin inni uume akka jirutti ta’ee haaluma walfakkaatun waldhibdee Oromiyaa keessaatiifs fala barbaaduf mariin jalqabame akka milkaahu gochuuf gaheen qaamoota hundaa maal ta’uu qaba? Kunneen hunduu xiyyeeffannaa marii keenyati.

TG/DHW

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG