Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeequmsi Rippaablika Dimokiraatawaa Koongoo Keessaa Uummata Biyyattii Rakkoo Hamaaf Saaxile


Naannoo Mayamimaa, Mudde 2008
Naannoo Mayamimaa, Mudde 2008

Sagantaan nyaata Addunyaa “WFP” akka beeksisetti Rippaabulika Dimokiraatawaa Koongoo gama bahaa keessatti buufanni namoota buqqa’anii gar malee namootaan guutuu irraa kan ka’een hanqinni nyaa mudachuu , hanqinni qulqullinaa uumamuu fi hanqinni buufata qubannaas mudateera jedhe. Akka karoora sagantaa nyaata addunyaa bara 2023tti Dimokiraatawaa Rippaabulika Koongoo keessatti deebii hatattamaa kenneen fayyadamtoota isaa dacha sadiin guddiseera, ji’a Caamsaa bara 2023 gidduu galeessaan namoota 400,000 gargaaraa kan turerraa amma gidduu galeessaan gara namoota miiliyoona 1.3 gargaaruutti ol guddisuu isaa himee sababa jeequmsaan jalqaba waggaa kanaatti qofaa namoonni naannoo miiliyoona tokkoo qe’ee isaaniirraa buqqa’aniiru. Kunis hanqinni nyaataa akka Uumamu taasisuu fi naannoo Gabaa Goomaattimmoo gatiin meeshaalee akka malee akka dabalu taasiseeras jedhe.

Gareen hidhattoota M23 dhiyyeenyatti Gomaa qabachuu danda’a jedhamee naannoon sun dhiphina keessa akka seenu taasiseera. Uummanni Dimokiraatawaa Rippaabulika Koongoo tokko sadaffaan namoonni miiliyoona 23.4 ta’an sadarkaa beela hamaaf saaxilamaa jiru kan jedhe saganataan nyaata addunyaa baay’een isaanii haala hmaa fi dhiphina keessa kan jiraatan yoo ta’u nyaata, tajaajila fayyaa fi barnootaa xiqqaa ykn gonkumaayyuu kanneen hin argannedha.

Naannoo Kaaba biyyattii Kivuutti qofaa Ji’a Onkolooleessaa bara 2023 namoonni kuma dhibba sagal qe’ee isaniirraa kan buqqa’an yommuu ta’u ,walumaa galattai namoonni miiliyoona Ja’aa ol qe’ee isaaniirraa buqqa’uun jiruu fi jireenya isaanii duraaniirraa addaan citaniiru.

Haala amma jiruun Rippabulika Dimokiraatawaa Koongoo keessatti hojii bal’aa hojjechuun maallaqa doolaara Ameerikaa Miiliyoona 548.5 na barbaachisa kan jedhe Sagantaan Nyaata Addunyaa ji’oota ja’an dhufan keessatti biyyattii gama bahaa keessaa namoota miiliyoona 1.5 kanneen jeequmsaan qe’ee isaanii gadhiisanii buqqa’an deeggarsa barbaachisaa barbaadaniif dhaqqabuuf maallaqa doolaaraa Ameerikaa Miiliyoona 425 na barbaachisaa jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG