Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Keeniyaa Naannoo Qubsuuma Seeraa Alaa Jedherraa Namoota Kaasaa Jira


Manneen mootummaan diige, Naayiroobii, Caamsaa 8, 2024.
Manneen mootummaan diige, Naayiroobii, Caamsaa 8, 2024.

Kibxata kaleessaa, naannoolee qubsuma seeraan ala ta’an, kan magaalaa Naayiroobii irra caalaan isaanii lageen qarqara jiran keessatti, Mootummaan Keeniyaa humnaan kaasuu fi diiguu itti fufee jira. Qajeelfamni pirezidaantichi naannoo lagaa keessaa ba’uuf yeroon kennan sa’aatii 48 guyyoota shan dura kan xumuuramee yoo ta’u, jiraattonni irra caalaan isaanii labsii kana osoo hin beekin achuumatti qabaman poolisiin gaaza imimmaansuu itti darbatee jira.

Namoonni hedduun dhiphina guddaa keessa kan galan mootummaan isaanii isaan nu gateera jechuun dhukkubbii isaanii gara Pirezidaantii Wiliyaam Ruutootti iyyatan. "Ruto hiyyeeyyiif eeguumsa nan taasiisaa jettee sifilanneef, amma garu hiyyeeyyii gargaaraa jirta moo dhugumatti isaan fixaa jirta" jechuun Elizaabeet Kaatana balaaleffatte.

Yeroo buldoozaroonni caasaa jiru diiganii qotan, jiraattonni gargaarsa tokko malee kaan sibiilaa, mukaa fi waan gatii guddaa qabu kamiyyuu harka isaaniitti argachuu danda’an qabachuuf yeroo seenan ilaalaa turan.Gariin isaanii mormii cimaa isaan mudate.

Ministeerri haajaa biyya Keessaa ibsa barreeffamaa baaseen, yeroo ammaa namoonni 164 achi buuteen isaanii dhabamee, walumaa galatti maatiin 42,526 qe’ee isaanii irraa buqqa’uun namoota kuma 210 ol miidheera.

Namoota lolaa roobaan buqqa’an keessummeessuuf kutaalee biyyattii adda addaatti kaampii ykn mooraa dhaabuu eegaluu isaas Ministeerri haajaa Biyya Keessaa ibseera.

Keeniyaa fi kutaaleen Afrikaa bahaa biroo lolaa bishaaniin liqimfamuun isaanii ni yaadatama.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG