Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keniyaa, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa Akka Jabaatti Walitti-hidhachuun Eenyuun Gargaaree, Eenyuun Miidha?


Hoogganoonni Keeniyaa, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa jalqaba baatii Bitootessa bara 2012 irra, Keeniyaa keessa bakka Lamuu jedhamtutti Buufata Afaan Galaanaa haaraa ijaaruuf walii-galtee mallatteessanii jiran. Ujummoo zayita boba’aa – Sudaan Kibbaa irraa gara Lamuutti diriirsuu illee of-keessaa qaba - walii-galteen kun.

Hariiroo kana gama dinagee fi polotikaan akka xiinxalan, kan gaafataman Hayyuun Falaasama Polotikaa – Dr. Alamaayyoo Birruu, Jarmanii irraa ibsa kennaniin, walii-galteen kun biyyoota sadeeniifuu bu’aa guddaa qabaata, jedhu. Zayita boba’aa Sudaan durii keessaa afur keessaa harka sadii kan fudhatte Sudaan Kibbaa karaa zayita ishee kana gara Addunyaa alaatti ergattu argannaan guyyaa guyyaatti gara barmeela walakkaa miliyoonaa gurgurachuu dandeessi.

Yoo ujummoon kun ijaarame, bu’aa Itiyoophiyaaf qabaatu ennaa ibsan immoo, walii-galtee kana keessatti yoo Ogaanden keessaa zayiti boba’aan baafame Itiyoophiyaa irraa gara buufata Galaanaa tolfamuuf deemu – Lamuutti akka ujummoon diriirsamu, adiidiin baaburaa fi geejjibaalee ka biroos akka tolfamu walii-galamee jira. Kun Itiyoophiyaaf dantaa guddaa argamsiisa, jedhan.

Akka jecha Dr. Alamaayyootti ka biyyoota mara caalaa dantaa argattu garuu Keeniyaa dha. Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa dhaa ala Taanzaaniyaa fi Ugaandaan illee buufata galaanaa Keniyaa keessaa tii ala kan itti gargaaraman waan hin qabneef, Keniyaan ulaa madda dinagdee biyyoota naannoo sanaa ta’uuf deemti.

“Keeniyaa, Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa akkanatti walitti-hidhachuun balaa illee ni qaba” jedhu, Dr. Alamaayyoon.

Guutummaa gaaffii fi deebii geggeessamee MP3 tuquun dhaggeeffadhaa

XS
SM
MD
LG