Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaa Finca’aatti Poolisoonni Barsiisotaa fi Namoota Ka Biroo Hidhan Mana-murtiitti Dhiheessuu Didan


Mormii Oromiyaa (Faayilii)
Mormii Oromiyaa (Faayilii)

Godinaa Horroo Guduruu Wallaggaa, aanaa Abbaay Coomman, magaalaa Fincaa’aa keessatti humnoonni Mootummaa jiraattota hiraarsaa jiru jechuun, jiraattonni himataa jiran. Jiraataan magaalattii Gaaddisaa Jiraa, jedhaman Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf akka ibsanitti, Oromiyaa keessatti mormii bal’aa geggeessamaa jiruun wal-qabatee barattoonni manneen barnootaa illee eega cufamanii tureera.

Barattoonni sadarkaa lammaffaa yeroo tokko qormaataaf galanii, achii booda hin deebine. Kanaaf jecha humnoonni moootummaa baadiyyaa dhaa haga magaalaatti jiraattota hiraarsan, jedhu – jiraataan magaalaa Finca’aa kun.

Torban tokko dura, abaan manaa ishee – barsiisaan mana barnootaa sadarkaa lammaffaa Finca’aa, Shibbiruu Hirkoo fi barsiisonni ka biroon lama: Lammii Qixxeessaa fi Nagaasaa Tulluu, akkasumas, jiraataan magaalaa fi barattoonni illee hidhamuu ka dubbatan, Jiraattuun magaalaa sanaa - aadde Shittaayee Baqqaanaa, mana-murtiitti akka mirgi wabii eegamuuf iyyatan iyyuu humnonni poolisii ajaja mana-murtiif kabajaa kennuu dhiisuun, hidhamtoota sana illee dhiheessuu didan, jedhu.

Akka aadde Shittaayeen jedhanitti, “nuti yakka ittiin barsiisota sana himannu hin qabnu. Mootummaa Federaalaa tu akka qanbee tursiinu ajaja kenne. Galfata Mootummaa federaalaa waan ta’eef qabnee keenye, jechuudhaan poolisoonni mana-murtiitti dhihaatanii dubbatan” jedhu – aadde Shittaayeen. Manni-murtii aannaas, “gama keenyaan waan dandeenye gochuu yaallee jirra. Kana caalaa waan goonu hin qabnu, jechuun galmee sana cufan,” kan jedhan – aadde Shittaayeen, haadhota-manaa barsiisota lameen kaanii waliin iyyannaaf gara Mana-murtii Ol’aanaa Godinaa Horroo-guduruu Wallaggaatti imaluu isaanii dubbatu. Manni-murtii Ol’aanaa, ka Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa furmaata isaaniif kennee laata? Prezidaantii Mana-murtichaa, Obbo Shibbiruu Waaqwayyaa dubbisnee jirra.

Gaabaasa guutuu dhaggeeffadha.
please wait

No media source currently available

0:00 0:14:06 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG