Xurree ittiin seenan

Breaking News

Masalaa Keessatti Maaltu Deemaa Jira


Kaartaa bahaa Oromiyaa agarsiisu
Kaartaa bahaa Oromiyaa agarsiisu

Godina Harargee Lixaa aanaa Masalaa Araddaa Abbaa Amaan fi Wal taasiis keessatti torban kana Masjiidi diigamuu fi kaan gubaman jedhu jiraattonni. Kana keessatti lubbuun nama 23 darbuutu ibsame. Reeffi namootaa maatiif akka hin kennamin kan ibsan jiraattonni hidhattoota gandaatu hanaga tokko awwaalee jedhu. Kanneen hafan immoo iddoo biraatti geeffamanii hidhaman jechuun uummata gowwomsu jedhan jiraattonni. Bulchaan aanaa Masalaa Obbo Mohammed Abdurrahaman garuu masjiidi diigame ta’e gubamee hin jiru jedhu. Garuu seeraa fi heera kabachiisuuf sochii gaggeefame keessatti namni lama ajjeefamuu fi reeffi isaanis maatii isaaniif kennamuu dubbatan.

Kunis bakka dahannaa qabatanii humnootii mootummaa irratti dhukaasa eega bananii booda akka ta’e masjiidoota keessaa meeshaa waraanaa adda addaa qabachuu isaanii dubbatn. Amantii jala haa dahatan malee jeeqama Oromiyaa keessatti hidhata qabu. Adda Bilisummaa Oromootu harka keessaa qaba jedhan.

Gabaasaa Gutuu armaa gadiitti caqasaa.

Masalaa Keessatti Maaltu Deemaa Jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:12 0:00

XS
SM
MD
LG