Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pirezidaanti Salvaa Kiir Suudan Kibbaa Keessatti Akka Araarii Bu'u Gaafatan


Bulchootii Suudan Kibbaa pirez.Salvaa Kiirii fi itti aanaan isaa Ricki Machaar mootummaa tokko qabaatanii waliin hojjachuuf walii galan.Ebla,29, 2016.
Bulchootii Suudan Kibbaa pirez.Salvaa Kiirii fi itti aanaan isaa Ricki Machaar mootummaa tokko qabaatanii waliin hojjachuuf walii galan.Ebla,29, 2016.

Baatilee hedduuf boodatti harkifataa erga turee booda namoonni siyaasaa garee Sudaan kibbaa wal waraansa waggoota lamaa booda mootummaa ce’umsaa haaraa hundeessanii jiran.

Itti aanaa presidentii ta’uun kan muudaman hooganaan garee mormituu Riyaak Machaara gumii ministeerotaaf har’a ibsa kennaniin biyyattii waraanaan bututte kana dinagdee ishee dandammachiisuuf lolli jiru dhaabachuu qabna jedhan.

Kan mana marii kana dhibu yoo jiraate haala nagaa buusuu ti. Dhimmi nageenyaa kun kan minsiteerota qofaatti lakkisan utuu hin taane hojii nama maraa ti jedhan.

President Salva Kiiris uummatichi araarri akka bu’uuf gadda wal irraa qabu akka irraanfatu gaafataniiru.

Haga xiqqaa ani beeku walii dhiisuu ykn walii bira dabruu dha. Waan bira dabranis deebi’anii qaabachuu dhabuu. Tana kan ani beeku jedhan Kiir.

Gamtaan Afriikaa waggaa darbe yakka garee lamaan ittiin himataman kan akka ajjeechaa, dararaa, saamichaa fi hookkara quunnamtii saalaa mana murtii qoratu akka hundeessu labsee jira.

Ministeroonni kaabinee haarawaan waggoota dheeraaf waltajjii siyaasaa Sudaan kibbaa irra kanneen tuarn angawoota beekamoo dha. Gareen kun nagaan waliin hojjeta jechuuf shakkii cimaatu jira.

President Kiir fi Machar Muddee bara 2013 erga kiira Machaariin aangoo itti aanaa presidentii irraa kaasanii booda falmii siyaasaa hamaatu gidduu isaanii ture.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG