Xurree ittiin seenan

Breaking News

Keeniyaa Keessatti Mormiin Hoji Dhaabiinsaa Doktoroonni Gaggeessan Torban 3ffaa Seenee Jira


Hiriira hojjattoonni fayyaa Keeniyaa keessatti bahan, Bitootessa 22, 2024.
Hiriira hojjattoonni fayyaa Keeniyaa keessatti bahan, Bitootessa 22, 2024.

Doktooronni hospitaala mootummaa Keeniyaa keessa hojjatan ji’a darberraa eegalee hojii dhaabiinsii mormii irra jiran. Kibxata kaleessaa magaalaalee gurguddoo lama keessatti walga’uun komii mootummaa irratti qaban ilaalchisee mari’ataniiru. Gamtaan Ogeessota Fayyaa, kan Faarmaasii fi Ilkaanii miseensota 7,000 ol bakka bu’uu kun, mindaa isaanii irraa hafe akka kaffalamuu fi hatattamaan hakiimonni leenji’an akka qacaraman gaafachuuf Bitooteessa 15 hojii dhaaban.

Liqiin kunis waliigaltee gamtaa bara 2017 irraatti hundaa’ee akka ta’e gamtichi beeksiseera. Doktooronni ofii isaanii fi maatii isaaniif inshuraansii tajaajiila yaalaa gahaan akka kennamus gaafachaa jiru. Guutummaa biyyattii keessatti yeroo hakiimonni mormii irra jiran dhukkubsattoonni hospitaalota mootummaa adda addaa keessa jiran akkasumaan dabaree eegaa turan, lafa duwwaa irraa dhaabbachaa turan jechuun ni danda'ama,

Mana jireenyaa Baadiyyaa Naayroobii keessa kan jirtu Mathare irraa Jeen Akot Rooyitarsiif akka ibsiiteetti, Intalli ishee Biiyaatriis Akinyi bara darbe kaansariin qabamtee Kibxata kaleessaa baqaqsanii hodhuudhaaf kan bellamamee ta’uus Roobii deebitee akka dhuftu hospitaallii itti himee manatti deebisan. Rakkoon Akinyi mudate adda miti. Hojjettoonni fayyaa hawaasaa kan akka Bernadetta Kameme namoonni hedduun kunuunsa fayyaa barbaachisaa argachuuf qabsaa'aa jiru jedhu. Kameme akka jedhutti ammaaf wanti isaan gochuu danda'an dhukkubsattoota jajjabeessuu qofa, hanga hojii dhaabiinsii mormii Doktorootaa xumuramutti jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG