Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromoo Irraatti Dararaa fi Dhibbaan Gaggeeffamu Dhaabachuu Qaba


Koreen Hojii Raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo sadaasa 22 hanga sadaassa 30 bara 20-tti walgahii isaa kan ramaddii eega gaggeessee booda Murtilee adda addaa dabarsuu kan ilaaleen ibsa baasee jira.

Dhimmootii murtiin irratti kenname keessaa tokko dhimmi Jaarmayaa keessaati kan jedhan miseensa koree hojii rawwachiiftuu fi Dubbii himaa ABO kan ta’an Obbo Toleeraa Adabaa irra guddeessaan kan irratti fulleeffane garuu sochii yeroo ammaa Oromiyaa keessatti mul’ataa jiru jedhan.

Mootummaan Itiyoophiyaa Barattoota mirga ofii fayyadamuun karaa nagaa hiriiran irratti tarkaanfii humnaa fudhachuun ajjesuun, hidhuu fi dararuun akkasumas maqaa misomaan qonnaan bulaa Oromoo lafa isaa irraa godaansisuun dhaabachuu qaba jedha Addi Bilisummaa Oromoo.

Bara mootummaan ce’umsaa kan Itiyoophiyaa hundeeffame daangaan Oromiyaa lafa ka’amee ture bakka Oromoon irra qubatee ture mara kan hammate ta’uu baatuus jedhu Obbo Toleeraa Adabaa Oromiyaan Finfinnee irraa bu’aa addaa akka qabdu lafa ka’amee ture jedhan.

Garuu waggootii darban24 keessatti kan mootummaan gaggeessaa jiru kan heera biyyatti irra ka’amee ture sanaan faallaa ta’uu isaa ibsuun Kunis dhaabachuu akka qabu ADDI Bilisummaa Oromoo gaafaatee jira.

please wait

No media source currently available

0:00 0:06:05 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG