Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhaabbatni PEPFAR Jedhamu Itiyoophiyaa Keessatti Dhibee HIV Eedsiitti Deebii Hatattamaa Kennuuf Akka Hojjetu Beeksise

Itiyoophiyaatti Daayireektara Faawondeeshishinii ittisa HIV Eedsii Heelzi Keer jedhamuu kan ta’an Dr Tesfaayee Tafarra jeequmsoonni biyyattii keessa jiran hojii ittisa Vaayirasii HIV irratti hojjetaman danqaniiru jedhaniiru.

Dhaabbanni PEPFAR jedhamu kan dhibee HIV Eedsii iratti deebii hatattamaa kennuuf pireezidaantii Yuunaayitid Isteetsiin dhaabbateeru , Itiyoophiyaa bakoota jeequmsoonni jiran keessatti xiyyeeffannoo kennuun akka hojjetu beeksiise. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan dhaabbatichaa Beenjaamiin Kaasdaan ibsa sagalee Ameerikaaf kennaniin Itiyoophiyaa keesatti bakkoota walitti bu’insoonni jiran kessatti tattamsa’inni dhukkuba HIV Eedsii dabalaa jiraachuu himaniiru. Akka Fakkeenyaattis naannoo Tigiraay keessatti tattamsa’inni isaa gidduu galeessaan dhiibbeentaa 15 ga’uus himaniiru. Kunis qorannoo taasifameen waraanni Kaaba biyyattii keessa ture akka sababaatti ka’eera.

Itiyoophiyaatti Daayireektara Faawondeeshishinii ittisa HIV Eedsii Heelzi Keer jedhamuu kan ta’an Dr Tesfaayee Tafarra jeequmsoonni biyyattii keessa jiran hojii ittisa Vaayirasii HIV irratti hojjetaman danqaniiru jedhaniiru.

Ministirri Fayyaa Itiyoophiyaas gama isaan rakkoo maallaqaa fi isa waliin wal qabataniin biyyattii keessatti keessatti hir’inni Koondomii mul’achuu fi kanneen biros dhukkubbichi akka tatamsa’u taasiisera jedheera jechuun Finfinneerraa Gebiremikaa’eel Gebire Medihiinitu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG