Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa dubartoota Afrikaa Kamerunitti itti jiran,FIFA bara 2018tiif dabruuf biyyaa fi naannoo 210 dorgomutti jira


Dorgommii dubartoota Afrikaa bara 2016,Kaameruun
Dorgommii dubartoota Afrikaa bara 2016,Kaameruun

Dorgommii waancaa kubbaa miilaa nadheen Afrikaa dorgommii ganna lama lamaan taphatan.Ammaan tana biyya saddeetitti dabree Kaameruunitti tapahtti jira.Biyya saddeettan tana; Kaameruun, Naayjeeriyaa, Gaanaa, Afrikaa Kibbaa, Masrii, Keenyaa, Maalii fi Zimbaabuwwee garee lamatti qoodanii taphachuutti jiran.

Waldorgommii waancaa kubbaa miilaa Nadheen Afrikaa guyyaa dheengaddaa jalqabanii itti jiranii biyya 8 Kaameruun keessatti harkaa wal qaba.Garee A keessaa Kaameroonitti qabxii sadiin dura jira.Garee B keessaa Naayjeeriyaa fi Gaanaatti qabxii sadiin walti aanaa.Haga ammaatti goolii 6tti gale.

Kilabii tana maqaa jarii baafateen akka Afaan keennaattti deebifnee yoo yaamne ta Afrikaa Kibbaa Banyaanaa Baynaanaa, ta Masri mootota durii,Gaanaan ammoo Giiftii Gugurraalee jedhaniin,ta Keenyaa Harambee Tokkummaa jechuu ta Naayjeriyaa, Risaa Ciwwisaa, ta Zimbaabuween ammoo korommii humniti hin dhumne fa ufiin jedhan.

Akkuma kanaan kalee Kaameroon Marii 2-0,Afrikaa Kibbaatii fi Zimbaabuwween 0-0,Gaanaan Keenyaa 3-1 moohan.Hardha Kaameroonii fi Afrikaa Kibbaa, Zimbaabuwwee fi Masrii, iftaan ammoo Keenyaa fi Maaliitti taphata Gaanaalleen warra tapahtu keessaa tokko. Dorgommiin tun torbaan lamaan duubatti dhumatti.

FIFA Bara 2018: Federation of International Football Association (FIFA) maqaa federeshiinii kubbbaa miilaa addunyaati. Dorgommii ganna lamaan duubatti Raashiyaatti jalqaban tana biyyaa fi naannoo 210 irratti wal dorgomaa haga ammaatti goolii 1000 olitti galee biyya 32 fialtama.

Dorgommii waancaa kubbaa addunyaa FIFAn bara 2018 Raashiuyaatti qopheessuuf darbuuf biyya hedduutti falachuutti jira.

Ardiin addunyaa torbaanuu: Afrikaa, Eezhiyaa, Antaarkitikaa, Awustiraaliyaa/ Oshiyaanikaa,Norzi Amerikaa,Sawuz Amerikaa fi Awurooppaa garuma jiranitti garee kubbaa miilaa naanoo isaanii wal dorgomsiisanii biyyitii dabarte dorgommii sunii walti hafati.Fkn Afrikaa keessaa biyya shanitti fialtamaa 50 olitti wal dorgomuutti jira.Dorgommii tana Fulbaan dabre jalqabanii Onkololeessa bara 2017 taphatan.Haga kaleetti a marroo 561 taphatnaii goolii 1631 gale.

Zamaaleki Kilabiin Masrii beekamtuun ganna tokko keessatti leenjsiaa jaha qaxaratte

Zamaalek,kilabiin Masriin biyya isii keessatti jabeenna kubbaa miilaatiin beekmatu.Kilabiin tun ganna tokko keessatti leenjisaa jaha qabaattee dhiyoollee nama haaraa Mohamed Salah leenjsiaa tolfattee qaxaratte.Kilabiin tun eegii kilabii biya isii Tantaa jedhan 1-0 mootee jennaan hagasiiyyuu caalaa moohuu maltee jette leenjsiaa isii Momen Solenaanii fi garee isaa cufaa gussite.

Leenjisaan kun eegii hujii jalqabeeyyuu torbaan lama keessa jira.Leenjsitootii kilabi tanaa hagi tokko tohbaan lama,hagii tokko ji’a lamaa fi hagii kaan ji’a sadii fa hojjatan.

IAAF,International association of Athletics Federation

Federeshiiniin waldaan federeshiinii atileetiksii addunyaa atileetota qorsa akka farsoo nama macheessee humnallee namaa kennuu fudhatanii dorgoman jaluma deemee qorachuutti jira.Akkuma kanaan ganna dabree asitti atileetota Olompikii Beejingii fi Londonitti dorgoman keessaa walumattuu atileeota 76 dorgommii irraa dhaabe

Atileetota ganna bara 2008 Olompikii Beejingi irratti dorgoman keessaa 10 qoratee balleessaa irratti arge.Atileeota tana keessaa sagal ta biyya USSR ta durii keessaa dhufan.Taatullee jara 10 kana keessaa ka warqii badhaafame hin jiru.

Waldaan kun atileetota qorsa humna namaa kennu fudhatani ka madaaliyaa hin moohatin ka olompikii irratti hin dorgomanillee adabumatti jira.

Walumattu waldaan kun atileeota olompikii Londnii fi Beejingi irratti dorgoman dhiigaa fi fincaanii isaanii qoratee warra qorsa humna namaa kennuu fudhatee dorgome jedhee 76 dorgommii irraa dhaabe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG