Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Finfinnee ‘Hogganoota Faannooti’ Kan Ittiin Jedhee Namoota Lama Ajjeesuu Beeksise


FAAYILII - Naannoo Laga Xaafoo, Finfinnee, Sadaasa 5, 2021
FAAYILII - Naannoo Laga Xaafoo, Finfinnee, Sadaasa 5, 2021

Ibsa Poliisii Finfinnee kana hordoofee sagalee Amerikaaf yaada isaanii kan ibsan Komiishiina polisii Finfinneetti itti gaafatamaan haariiroo uummataa itti aanaa komaandaraa Maarqoos Taaddasaa, polisiin odeeffannoo haawaasa biraa argateen namoota kana yeroo deeraaf hordofaa turuu isaa beeksiisan. Guyyaa har’a immoo, namoota kana to’annaa jala olchuuf deemsa turee keessatti walitti dhukaasa tureen hoggana faannoo keessaa nama tokkoo fi miseensii tokko ajjeefamuu akkasumas tokko immo qabamuu ibsan.

Namoonni hogganaa fi miseensa Faannooti jedhaman kun, Kifle ketemaa Boolee aanaa 3 naannoo galma Milliyeenamiitti qabuuf deemsa tureen hogganaa Fannnoo ture kan jedhame Naahuu seennaay Andaargee Taakkaqany fi miseensa ture kan jedhme Habtaamuu Andaargee Tasammaa walitti dhukaasa tureen ajjeefamuu ibsan Abeeneezer Gaashaaw Abbaat kan namnii jedhamuu fi miseensa garee kanaati kan jedhame ituu hin mada’iin to’annaa jala ooluu ibsanii jiru. Sadeenuu kokoolaataa Suuzuukii Dizaayer jedhamu gargaaramuun, polisii irratti dhukaasa banuu isaanii fi miliquuf yaaluu isaanii ibsi ba’e hubachisee jira. Finfinnee keessatti haleellaa shoroorkeessuummaa rawwachuuf ergama qabatanii socho’aa turan jedhan.

Namnii Indaashaaw Geetneet jedhaman hoggana Faannooti kanneen jedhaman kun nu wal tahuu diidee jechuun ajjeesuu isaanii fi miseensoota polisii lama irratti miidhaan ga’u Itti aanaa komaandaraa Maarqoos Taddase dubbachuu isaanii Gabra Mikaa’eel Gabra Madhin Finfinnee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG