Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Somaliyaa Guyyoota Lamaaf Ertiraa Daawwatanii Deebi’an


Prezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud, Pirezdaantii Ertiraa Isaayyas Afawarqee, fi Ministarri Odeeffannoo Ertiraa – Yemaanee G/Masqal
Prezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud, Pirezdaantii Ertiraa Isaayyas Afawarqee, fi Ministarri Odeeffannoo Ertiraa – Yemaanee G/Masqal

Prezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohammud, daawwannaa guyyaa lamaa Ertiraatti geggeessan xumuruudhaan har’a gara biyya isaaniitti deebi’uu isaanii, Ministarri Odeeffannoo Ertiraa – Yemaanee G/Masqal fuula X kan duraani Twiteri jedhamuu isaanii irratti maxxansa baasaniin beeksisanii jiran. Prezidaantichi Somaaliyaa fi Prezidaantii Ertiraa waliin waa’ee hariiroo biyyoota lameenii marii bal’aa fi bu’a-qabeessa geggeessuu isaaniis, Obbbi Yemaaneen eeranii jiran.

Prezidaant Hasan Sheek Mohamudis gama isaaniin, madda oduu Mootummaa Ertiraa- Shaabbaayit jedhamuuf, waa’ee daawwannnaa isaanii gaaffii fi deebii kennaniin, Somaliyaafi Eritraan hariiroo obbolummaa yeroo dheeraa qabaachuu isaanii fi Eritraan Somaliyaa gargaaraa akka turte eeranii, daawwannaan isanii kun, “haala jijjirama fi foyya’insa somaliyaa keessa jiru kabajamoo prezidaant Isaayyaasiif ibsuuf akkasumas gorsa isanii dhaggeeffachufan asitti argame. Kanarratti immoo haala biyya shorokeessitoota jalaa walaba gochuun danda’amurratti dabalate muxxannoo eritirean biyya ijaaruurratti muxanno gaarii qabduu qodachuufan jira.” Jedhanii jiran.

Gama kaaniin “loltoonni keenya bay’een Eritraatti leenjifaman. Gocha kana biyyoota muraasaan alatti waan biyyoonni bay’een hin goone Eritraan nuuf gootettii, sanaafis galataa guudaa galchiina.” Jedhanii jiran

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG